1Ani waaʼee araara Waaqayyoo bara baraan nan faarfadha;
2Akka araarri kee bara baraan jiraatu,
3Ati akkana jetteerta; “Ani filatamaa koo wajjin kakuu galeera;
4‘Ani bara baraan sanyii kee nan dhaaba;
5Yaa Waaqayyo, samiiwwan dinqii kee jaju;
6Samii keessatti eenyutu Waaqayyoon qixxaachuu dandaʼa?
7Waaqni waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama;
8Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kan akka keetii eenyu?
9Ati raafama galaanaa ni moota;
10Akka warra qalamaniitti Raʼaabin bulleessite;
11Samiiwwan kan kee ti; laftis akkasuma kan kee ti;
12Kaabaa fi kibba situ uume;
13Ati irree jabaa qabda; harki kee jabaa dha;
14Qajeelummaa fi murtiin qajeelaan hundee teessoo keetii ti;
15Yaa Waaqayyo, warri siif ililchuu beekan,
16Isaan guyyaa guutuu maqaa keetiin gammadu;
17Ati ulfina jabina isaanii ti;
18Dhugumaan gaachanni keenya kan Waaqayyoo ti;
19Ati dur akkana jettee saba kee amanamaatti
20Ani garbicha koo Daawitin argadheera;
21Harki koo isa wajjin jira;
22Diinni tokko iyyuu isa hin moʼatu;
23Amajaajota isaa fuula isaa duratti nan barbadeessa;
24Amanamummaa fi araarri koo isa wajjin jiraata;
25Ani harka isaa galaana irra,
26Innis, ‘Ati Abbaa koo ti;
27Anis ilma koo hangafa,
28Jaalala koos bara baraan isaaf nan tursa;
29Hidda sanyii isaa bara baraan,
30“Yoo ilmaan isaa seera koo eeguu didan,
31yoo isaan sirna koo cabsanii
32ani cubbuu isaanii uleedhaan,
33ani garuu jaalala koo isa irraa hin fudhadhu;
34Ani kakuu koo hin cabsu;
35Siʼa tokko yeroo hundaaf, qulqullina kootiin kakadheera;
36Sanyiin isaa bara baraan itti fufa;
37akkuma jiʼaas bara baraan ni jiraata;
38Ati amma garuu isa dhiifteerta; tuffatteertas;
39Kakuu tajaajilaa kee wajjin galte cabsiteerta;
40Dallaa isaa hunda caccabsiteerta;
41Warri achiin darban hundi isa saamu;
42Ati harka amajaajii isaa mirgaa ol qabdeerta;
43Arfii goraadee isaa duubatti deebifteerta;
44Surraa isaa isa irraa balleessiteerta;
45Umurii dargaggummaa isaa gabaabsiteerta;
46Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti?
47Umuriin koo hammam akka gabaabaa taʼe yaadadhu.
48Utuu duʼa hin argin jiraachuu kan dandaʼu
49Yaa Gooftaa, jaalalli kee guddaan durii kan ati amanamummaa keetiin
50Yaa Gooftaa, akkamitti akka tajaajilaan kee tuffatame,
51yaa Waaqayyo, qoosaa diinonni kee natti qoosan,
52Galanni bara baraan Waaqayyoof haa taʼu!