1Ati yeroo waa nyaachuuf bulchaa tokko wajjin teessutti,
2ati yoo nyaataaf fedhii guddaa qabaatte,
3Waan nyaanni sun nama gowwoomsuuf,
4Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin;
5Sooromni yommuu ati ija irra buufattutti ni bada;
6Buddeena doqnaa hin nyaatin;
7inni yeroo hunda waaʼee gatii yaadaatii.
8Ati waanuma xinnoo nyaatte sana ni diddigda;
9Sababii inni ogummaa dubbii keetii tuffatuuf
10Dhagaa daangaa durii hin dhiibin
11Furiin isaanii jabaadhaatii;
12Qalbii kee gara gorsaatti, gurra kee immoo
13Ijoollee kee adabachuu hin dhiisin;
14Arcummeedhaan isaan adabiitii
15Yaa ilma ko, yoo garaan kee ogeessa taʼe,
16yoo arrabni kee waan qajeelaa dubbate,
17Garaan kee cubbamootatti hin hinaafin;
18Ati dhugumaan gara fuulduraatti abdii qabda;
19Yaa ilma ko, dhaggeeffadhu; ogeessa taʼi;
20Warra daadhii wayinii baayʼee dhuganitti
21machooftuu fi albaadheyyiin ni hiyyoomu;
22Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi;
23Dhugaa bitadhu malee hin gurgurin;
24Abbaan nama qajeelaa gammachuu guddaa qaba;
25Abbaan keetii fi haati kee haa gammadan;
26Yaa ilma ko, garaa kee naa kenni;
27sagaagaltuun boolla gad fagoodhaatii,
28Isheen akkuma saamtuutti riphxee nama eeggatti;
29Eenyutu, “Anaaf wayyoo!” jedha? Eenyutu gadda qaba?
30Warra daadhii wayinii dhuguu irra akka malee turan,
31Yeroo inni diimatutti, yeroo inni billillee keessa ol xixinniqutti,
32Dhuma irratti akkuma bofaa nama idda;
33Iji kee waan haaraa arga;
34Ati akkuma nama walakkaa galaana guddaa ciisuu ti;
35Ati akkana jetta; “Isaan na dhaʼan;