We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Fakkeenya 2

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Fakkeenya 1 Fakkeenya Fakkeenya 3 →

1Yaa ilma ko, yoo ati dubbii koo fudhattee

2yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee

3yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee

4yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee

5ati Waaqayyoon sodaachuu ni hubatta;

6Waaqayyo ogummaa namaa kennaatii;

7Inni qajeeltotaaf ogummaa dhugaa kuusa;

8inni daandii tolootaa ni eega;

9Ergasii ati qajeelummaa fi murtii qajeelaa,

10Ogummaan garaa kee seena;

11Qalbeeffannaan si eega;

12Ogummaan karaa hamootaa irraa,

13warra karaa dukkanaa irra deemuudhaaf jedhanii

14warra waan hamaa hojjechuutti gammadan,

15warra daandiin isaanii jalʼate,

16Ogummaatu dubartii ganda labee,

17niitii dhirsa ishee kan jalqabaa dhiiftee

18Manni ishee gara duʼaatti, karaan ishee immoo

19Namni gara ishee dhaqu tokko iyyuu hin deebiʼu

20Kanaafuu ati karaa namoota gaggaarii irra ni deemta;

21Toloonni biyyattii keessa ni jiraatuutii;

22hamoonni garuu biyyattii keessaa ni balleeffamu;

← Fakkeenya 1 Fakkeenya Fakkeenya 3 →