1“Daandiiwwan Yerusaalem irra olii gadi deddeebiʼaa;
2Isaan utuma ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jedhanuu
3Yaa Waaqayyo, iji kee dhugaa hin barbaaduu?
4Anis akkana jedheen yaade;
5Kanaafuu ani hangafoota bira dhaqee isaanitti nan dubbadha;
6Kanaafuu leenci bosonaa baʼee isaan nyaata;
7“Ani akkamiinan dhiifama isiniif gochuu dandaʼa?
8Isaan korommii fardeenii kanneen akka gaariitti sooramanii dha;
9Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?”
10“Dallaa dhagaa isheetti ol baʼaatii balleessaa;
11Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa,
12Isaan waaʼee Waaqayyoo soba dubbatan;
13Raajonni bubbee malee homaa miti;
14Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:
15Yaa mana Israaʼel,” jedha Waaqayyo;
16Manʼeen xiyya isaanii akkuma awwaala banamaa ti;
17Isaan midhaan keetii fi buddeena kee ni nyaatu;
18“Taʼus ani bara sana keessa iyyuu guutumaan guutuutti isin hin balleessu” jedha Waaqayyo.
19“Yommuu namoonni, ‘Waaqayyo Waaqni keenya maaliif waan kana hunda nutti fide?’ jedhanii gaafatanitti, ati, ‘Isin akkuma na dhiiftanii biyya keessan keessatti waaqota ormaa tajaajiltan sana, ammas biyya kan mataa keessanii hin taʼin keessatti ormoota ni tajaajiltu’ jettee isaanitti himta.
20“Waan kana mana Yaaqoobitti himaa;
21Isin uummanni gowwaan hubannaa hin qabne,
22Isin na hin sodaattanii?”
23Sabni kun garuu mata jabeessaa fi fincilaa dha;
24Isaan garaa isaaniitti akkana hin jedhan;
25Balleessaan keessan waan kana isin irraa deebiseera;
26“Saba koo gidduu namoota hamoo
27Akkuma manʼeen simbiraan guutamu,
28gabbatanii bareedaniiru;
29Ani waan kanaaf isaan hin adabuu?”
30“Wanni suukaneessaan nama rifachiisu tokko
31Raajonni raajii sobaa dubbatu;