1Dubbiin Waaqayyoo waaʼee hongee akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
2“Yihuudaan ni boossi;
3Namoonni gurguddoonni hojjettoota isaanii bishaan waraabuuf ergatu;
4Sababii biyyattii keessaa
5Sababii margi hin jirreef,
6Harroonni diidaa lafa ol kaʼaa qullaa irra ijaajjanii
7Yaa Waaqayyo, cubbuun keenya nutti dhugaa baʼu iyyuu
8Yaa abdii Israaʼel,
9Ati maaliif akka nama waan godhu wallaale tokkoo,
10Waaqayyo waaʼee saba kanaa akkana jedha:
11Waaqayyo akkana naan jedhe; “Akka sabni kun nagaan jiraatu na hin kadhatin.
12Yoo isaan sooman iyyuu ani iyya isaanii hin dhagaʼu; yoo isaan aarsaa gubamuu fi aarsaa midhaanii dhiʼeessan iyyuu ani hin fudhadhu. Qooda kanaa ani goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan balleessa.”
13Ani garuu akkana nan jedhe; “Wayyoo yaa Waaqayyo Gooftaa, raajonni saba kanaan, ‘Isin goraadee hin argitan yookaan hin beeloftan. Ani dhugumaan nagaa dhuma hin qabne iddoo kanatti isiniif nan kenna’ jedhu.”
14Amma illee Waaqayyo akkana naan jedhe; “Raajonni sun maqaa kootiin soba raaju. Ani isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne yookaan isaanitti hin dubbanne. Isaan mulʼataa fi raajii sobaa, waaqa tolfamaa waaqeffachuu fi waan ofuma isaaniitii yaadan isinitti himu.
15Kanaafuu Waaqayyo waaʼee raajota maqaa isaatiin raajan sanaa akkana jedha: ani isaan hin ergine; isaan garuu, ‘Goraadeen yookaan beelli tokko iyyuu biyya kana hin tuqu’ jedhu. Raajonni sun iyyuu goraadee fi beelaan dhumu.
16Namoonni isaan raajii dubbataniif sunis beelaa fi goraadeedhaan daandiiwwan Yerusaalem irratti harcaafamu. Namni isaan yookaan niitota isaanii, ilmaan isaanii yookaan intallan isaanii awwaalu tokko iyyuu hin jiru. Ani badiisa isaaniif malu isaanitti nan dhangalaasaatii.
17“Akkana jedhii dubbii kana isaanitti dubbadhu:
18Ani yoon baadiyyaa dhaqe,
19Ati Yihuudaa guutumaan guutuutti gatteertaa?
20Yaa Waaqayyo, nu hammina keenyaa fi
21Ati maqaa keetiif jedhiitii nu hin tuffatin;
22Waaqota Namoota Ormaa kanneen faayidaa hin qabne sana keessaa tokko iyyuu bokkaa ni roobsaa?