1Waaqayyo akkana naan jedhe: “Dhaqiitii sabbata quncee talbaa irraa hojjetame bitadhuu mudhii keetti hidhadhu; garuu bishaan hin tuqsiisin.”
2Kanaafuu ani akkuma Waaqayyo na ajajetti sabbata bitadhee mudhii kootti nan hidhadhe.
3Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee yeroo lammaffaa gara koo dhufe:
4“Sabbata bitattee mudhiitti hidhatte sana fuudhiitii gara Laga Efraaxiis dhaqi; sabbata sanas baqaqaa kattaa keessa dhoksi.”
5Kanaafuu ani akkuma Waaqayyo na ajajetti dhaqee sabbata sana Laga Efraaxiis bira nan dhokse.
6Bultii hedduu booddee Waaqayyo, “Amma gara Efraaxiis dhaqiitii sabbata ani akka ati achitti dhoksitu si ajaje sana fudhadhu” naan jedhe.
7Kanaafuu ani gara Efraaxiis dhaqee sabbata sana iddoon itti dhoksee ture sanaa qotee baasee nan fudhadhe; sabbanni sun garuu yeroo sanatti ciccitee guutumaan guutuutti horoomaa baʼee ture.
8Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
9“Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani haaluma wal fakkaatuun of tuulummaa Yihuudaatii fi of tuulummaa Yerusaalem guddaa sana nan balleessa.
10Sabni hamaan dubbii koo dhagaʼuu didee mata jabina garaa isaa duukaa buʼee waaqota biraa tajaajiluu fi waaqeffachuuf isaan faana buʼe kun akkuma sabbata kanaa ni taʼa; guutumaan guutuuttis horoomaa baʼa.
11Akkuma sabbanni tokko mudhii namaatti hidhamu sana anis akka isaan saba, maqaa, galataa fi ulfina naa taʼaniif guutummaa mana Israaʼelii fi guutummaa mana Yihuudaa ofitti maxxanseen ture. Isaan garuu na hin dhaggeeffanne’ jedha Waaqayyo.
12“Ati akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qaba.’ Yoo isaan, ‘Nu akka qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qabu hin beeknuu?’ siin jedhan,
13ati akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani namoota biyya kana keessa jiraatan hunda, mootota teessoo Daawit irra taaʼan, luboota, raajotaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda machiidhaan nan guuta.
14Ani tokkoo tokkoo isaanii walittin buusa; abbootii fi ilmaanis akkasuma walitti nan buusa, jedha Waaqayyo. Ani isaan nan balleessa malee isaaniif hin naʼu yookaan isaaniif hin araaramu yookaan garaa hin laafuuf.’ ”
15Dhagaʼaa; qalbeeffadhaas;
16Utuu inni dukkana hin fidin,
17Yoo isin dhagaʼuu baattan garuu,
18Mootichaa fi haadha mootichaatiin,
19Magaalaawwan Negeeb ni cufamu;
20Ija keessan ol fudhadhaatii
21Yommuu Waaqayyo warra ati akka isaan michoota siif taʼaniif leenjifte sana
22Yoo ati, “Wanni kun maaliif natti dhufe?”
23Namni Itoophiyaa tokko bifa isaa
24“Akkuma bubbeen gammoojjii habaqii bittinneessu sana
25Sababii ati na irraanfattee
26“Akka qaaniin kee mulʼatuuf
27Ejjummaa fi himimsuun kee,