We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Ermiyaas 11

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Ermiyaas 10 Ermiyaas Ermiyaas 12 →

1Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:

2“Dubbii kakuu kanaa dhagaʼaatii saba Yihuudaattii fi namoota Yerusaalem keessa jiraatanitti himaa.

3Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha, jedhiitii isaanitti himi; ‘Namni dubbii kakuu kanaatiif hin ajajamne haa abaaramu.

4Dubbiin kunis dubbii ani yeroon biyya Gibxi jechuunis boolla ibiddaa kan itti sibiila baqsan keessaa isaan baasetti abbootii keessan ajajee dha.’ Anis akkanan jedhee, ‘Naa ajajamaatii waan ani isin ajaju hunda hojjedhaa; yoos isin saba koo taatu. Anis Waaqa keessan nan taʼa.

5Ergasiis ani kakuu akka biyya aannanii fi dammii keessaa yaaʼu isaaniif kennuuf abbootii keessaniif kakadhe sana fiixaan nan baasa;’ biyyi sunis biyya isin harʼa dhaaltanii jirtanii dha.”

6Waaqayyo akkana naan jedhe; “Dubbii kana hunda magaalaawwan Yihuudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti akkana jedhii labsi; ‘Dubbii kakuu kanaa hunda dhagaʼaatii duukaa buʼaa.

7Ani gaafan abbootii keessan biyya Gibxiitii baasee jalqabee hamma harʼaatti, “Naa ajajamaa” jedhee ammumaa amma isaan akeekkachiisaan ture.

8Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; qooda kanaa isaan mata jabina garaa isaanii hamaa sanaa faana buʼan. Kanaafuu ani abaarsa kakuu ani akka isaan duukaa buʼaniif isaan ajajee isaan garuu eeguu didan sanaa hunda isaanittan fide.’ ”

9Ammas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Saba Yihuudaatii fi uummata Yerusaalem jiraatu gidduutti fincila tokkotu argame.

10Isaan gara cubbuu abbootii isaanii kanneen dubbii koo dhagaʼuu didan sanaatti deebiʼaniiru. Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jedhaniis isaan faana buʼaniiru. Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa kakuu ani abbootii isaanii wajjin kakadhe sana cabsaniiru.

11Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani balaa jarri jalaa baʼuu hin dandeenye tokko isaanitti nan fida. Yoo isaan natti iyyatan iyyuu ani isaan hin dhagaʼu.

12Magaalaawwan Yihuudaatii fi namoonni Yerusaalem dhaqanii waaqota duraan ixaana aarsaniif sanatti iyyatan; waaqonni sun garuu yeroo rakkinni isaanitti dhufutti isaan gargaaruu hin dandaʼan.

13Yaa Yihuudaa ati akkuma magaalaawwan baayʼee qabdu sana waaqota baayʼee qabda; iddoowwan aarsaa kanneen isin Baʼaal waaqa qaanessaa sanaaf qopheessitanis akkuma daandiiwwan Yerusaalem baayʼatan.’

14“Sababii ani yeroo isaan rakkina isaanii keessatti na waammatanitti isaan hin dhageenyeef ati saba kanaaf hin kadhatin; waammata yookaan iyyata tokko illee hin dhiʼeessiniif.

15“Michuun koo namoota hedduu wajjin hojii hamaa hojjechaa

16Waaqayyo duraan, Muka ejersaa lalisaa

17Sababii manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa waan hamaa hojjetanii, Baʼaaliif ixaana aarsuudhaan dheekkamsaaf na kakaasaniif Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu inni si dhaabe sun badiisa sitti labseera.

18Sababii Waaqayyo mala isaanii naaf ibseef ani waan sana nan beeke; inni yeroo sanatti waan isaan hojjechaa jiran natti argisiiseeraatii.

19Anis akkuma xobbaallaa hoolaa isa garraamii kan gara qalmaatti oofamu tokkoon ture; ani akka isaan,

20Garuu yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu,

21“Kanaafuu Waaqayyo akkana jedhee waaʼee namoota Anaatoot warra, ‘Ati maqaa Waaqayyootiin raajii hin dubbatin yoo kanaa achii harka keenyatti duuta’ jechuudhaan si ajjeesuu barbaadan sanaa dubbata.

22Kanaafuu Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani jara nan adaba. Dargaggoonni isaanii goraadeedhaan, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii immoo beelaan ni dhumu.

23Sababii ani bara isaan itti adabaman keessa namoota Anaatootitti balaa fiduuf isaan hambaa tokko iyyuu hin qabaatan.’ ”

← Ermiyaas 10 Ermiyaas Ermiyaas 12 →