1Yaa mana Israaʼel, waan Waaqayyo isiniin jedhu dhagaʼaa.
2Waaqayyo akkana jedha:
3Barteen uummattootaa faayidaa hin qabu;
4Isaanis meetii fi warqeedhaan miidhagsu;
5Waaqonni isaanii tolfamoon
6Yaa Waaqayyo kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru;
7Yaa mootii sabootaa eenyutu si hin sodaanne?
8Isaan hundinuu qalbii hin qaban; gowwootas;
9Meetiin tumame Tarshiishii,
10Waaqayyo garuu Waaqa dhugaa ti;
11“Isin waan kana isaanitti himaa; ‘Waaqonni samii fi lafa hin uumin kunneen lafa irraa fi samii jalaa ni barbadaaʼu.’ ”
12Waaqni garuu humna isaatiin lafa uume;
13Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu;
14Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha;
15Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti.
16Inni Qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti;
17Ati kan marfamtee jirtu,
18Waaqayyo akkana jedhaatii;
19Waan ani miidhameef anaaf wayyoo!
20Dunkaanni koo diigameera;
21Tiksoonni qalbii hin qaban;
22Kunoo, oduun, raafamni guddaan tokko
23Yaa Waaqayyo, ani akka jireenyi namaa kan mataa isaa hin taʼin nan beeka;
24Yaa Waaqayyo dheekkamsa keetiin utuu hin taʼin,
25Saboota si hin beeknetti