1“Yaa mana Yaaqoob,
2isin warri maqaa magaalaa qulqullittiitiin of waamtan,
3Ani wantoota durii duraan dursee dubbadheera;
4Ani akka ati mata jabeessa taate beekeen tureetii;
5Kanaafuu ani wantoota kanneen bara dheeraan dura sitti himeera;
6Ati wantoota kanneen dhageesseerta; isaan hunda ilaali.
7Isaan amma uumaman malee bara dheeraan dura miti;
8Ati takkumaa dhageessee yookaan hubattee hin beektu;
9Ani maqaa kootiif jedhee dheekkamsa koo nan tursiisa;
10Kunoo, ani yoo akka meetiitti taʼuu baate iyyuu si qulqulleesseera;
11Ani ofii kootiif jedhee, ofuma kootiif jedhee waan kana nan godha.
12“Yaa Yaaqoob, Yaa Israaʼel kan ani si waame,
13Harki koo hundeewwan lafaa dhaabe;
14“Hundi keessan walitti qabamaatii dhaggeeffadhaa;
15Ani, ani mataan koo dubbadheera;
16“Natti dhiʼaadhaatii waan kana dhagaʼaa:
17Waaqayyo Furiin kee,
18Ati utuu ajaja koo qalbeeffattee jiraattee,
19Sanyiin kee akkuma cirrachaa,
20Baabilon keessaa baʼaa;
21Isaan yommuu inni lafa gammoojjii keessa isaan qajeelchetti hin dheebonne;
22“Hamootaaf nagaan hin jiru” jedha Waaqayyo.