1Raajii waaʼee Sulula Mulʼataa:
2Yaa magaalaa wacaan guutamte,
3Hooggantoonni kee hundi walumaan baqatan;
4Kanaafuu ani, “Ana irraa garagalaa;
5Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
6Eelaam manʼee xiyyaa qabattee
7Sululawwan kee filatamoon gaariiwwaniin guutamaniiru;
8Gooftaan ittisa Yihuudaa irraa mulqeera.
9Dallaan Magaalaa Daawit
10Isin manneen Yerusaalem lakkooftan;
11Bishaan Haroo Moofaatiif dallaa lamaan gidduutti
12Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,
13Qooda kanaa garuu gammachuu fi fandalaluu,
14Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu utuma gurri koo dhagaʼuu waan kana naa ibse: “Hamma guyyaa duʼa keessaniitti cubbuun kun isin irraa hin haqamu” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
15Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:
16Ati maal asii hojjetta?
17“Yaa nama jabaa kunoo,
18Inni akkuma kubbaa furuursee
19Ani aangoo kee irraa sin buusa;
20“Ani gaafas garbicha koo Eliiyaaqiimin ilma Hilqiyaa nan waama.
21Ani uffata kee isatti nan uffisa; sabbata kee mudhii isaatti nan hidha; aangoo kees dabarsee isaaf nan kenna. Inni warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi mana Yihuudaatiif abbaa ni taʼa.
22Ani furtuu mana Daawit gatiittii isaa irra nan kaaʼa; waan inni banu namni tokko iyyuu cufuu hin dandaʼu; waan inni cufus namni tokko iyyuu banuu hin dandaʼu.
23Ani akkuma fannoo waa itti fannisan tokkootti iddoo jabaa irra isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa.
24Isaanis kabaja mana abbaa isaa hunda, ijoollee isaatii fi ijoollee ijoollee isaa, miʼa xixinnaa kan waciitiidhaa jalqabee hamma okkoteetti jiru hunda isatti fannisu.”
25Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Gaafas qofoon iddoo jabaa dhaabame sun ni buqqaʼa; muramee lafa buʼa; baʼaan isatti fannifame sun harcaʼee caccaba.” Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.