1Raajii waaʼee Xiiroos:
2Isin jiraattoonni qarqara galaanaatii fi
3Midhaan Shihoor
4Yaa Siidoonaa, yaa daʼannoo galaanaa qaanaʼi;
5Yeroo oduun gara Gibxi dhufutti
6Isin gara Tarshiishitti ceʼaa;
7Magaalaa dulloomtuun durii,
8Xiiroos ishee gonfoo nama gonfachiiftu
9Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
10Yaa Intala Tarshiish,
11Waaqayyo harka isaa galaana irra qabee
12Innis akkana jedha; “Yaa Durba Siidoonaa,
13Mee biyya Baabilonotaa ilaali;
14Yaa dooniiwwan Tarshiish wawwaadhaa;
15Yeroo sanaa jalqabee Xiiroos hamma waggaa torbaatamaatti ni dagatamti; kunis bara jireenya mootii tokkoo ti. Dhuma waggaa torbaatamman sanaatti garuu akkuma sirba sagaagaltuu tokkoof sirbame sanaatti Xiiroos irra gaʼa:
16“Yaa sagaagaltuu irraanfatamtuu,
17Dhuma waggaa torbaatamaatti Waaqayyo Xiiroosin ni yaadata; isheenis gara daldala isheetti deebitee mootummoota fuula lafaa irra jiran hunda wajjin sagaagalti.
18Taʼus buʼaan isheetii fi wanni isheen argattu Waaqayyoof addaan baafama; hin kuufamu; walittis hin qabamu. Buʼaan ishees warra fuula Waaqaa dura jiraataniif nyaata gaʼaa fi uffata babbareedaa taʼa.