We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Hisqiʼeel 30

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Hisqiʼeel 29 Hisqiʼeel Hisqiʼeel 31 →

1Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:

2“Yaa ilma namaa raaji; akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:

3Guyyaan sun dhiʼoo dha;

4Gibxitti goraadeen ni dhufa;

5Itoophiyaa fi Fuuxi, Luudii fi biyyi Arabaa hundi, Liibiyaa fi uummanni biyya kakuu Gibxi wajjin goraadeedhaan ni dhumu.

6“ ‘Waaqayyo akkana jedha:

7Isaan biyyoota onan gidduutti, onanii hafu;

8Yommuu ani Gibxitti ibidda qabsiisee

9“ ‘Gaafas namoota Itoophiyaa kanneen yaaddoo malee jiraatan sodaachisuuf, ergamoonni dooniidhaan na biraa ni baʼu. Guyyaa badiisa Gibxitti dhiphinni isaan qabata; wanni kun dhugumaan ni dhufaatii.

10“ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:

11Innii fi loltoonni isaa kanneen saboota keessaa akka malee hamoo taʼan,

12Ani bishaan Abbayyaa nan gogsa;

13“ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:

14Phaxroosin nan onsa;

15Daʼannoo Gibxi jabaa jechuunis

16Ani Gibxitti ibidda nan qabsiisa;

17Dargaggoonni Aawwenii fi

18Yommuu ani waanjoo Gibxi cabsutti,

19Kanaafuu ani Gibxiin nan adaba;

20Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa torbaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:

21“Yaa ilma namaa, ani irree Faraʼoon mooticha Gibxi cabseera. Inni akka fayyuuf hin hidhamne yookaan shambaqqoon hidhamee akka jabaatee goraadee qabachuu dandaʼu hin godhamne.

22Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani Faraʼoon mooticha Gibxitti kaʼeera. Ani irree isaa lachanuu, isa fayyaa, isa cabe sana illee cabsee akka goraadeen harka isaatii buʼu nan godha.

23Ani namoota Gibxi saboota gidduutti nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa.

24Irree mootii Baabilon nan jabeessa; goraadee koos harka isaa keessa nan kaaʼa; irree Faraʼoon garuu nan cabsa; innis fuula isaa duratti akkuma nama akka malee madaaʼeetti ni aada.

25Irree mootii Baabilon nan jabeessa; irreen Faraʼoon garuu ni laafa. Yommuu ani goraadee koo harka mootii Baabilon keessa kaaʼee inni immoo Gibxitti isa mirmirsutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.

26Ani namoota Gibxi saboota gidduu nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”

← Hisqiʼeel 29 Hisqiʼeel Hisqiʼeel 31 →