We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Hisqiʼeel 29

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Hisqiʼeel 28 Hisqiʼeel Hisqiʼeel 30 →

1Waggaa kurnaffaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, guyyaa kudha lammaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:

2“Yaa ilma namaa, fuula kee gara Faraʼoon mooticha Gibxitti garagalfadhuutii isaa fi warra Gibxi hundaan mormuudhaan raajii dubbadhu.

3Isatti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:

4Ani garuu haʼoo kee keessa hokkoo kaaʼee

5Siʼii fi qurxummiiwwan lageen keetii hunda

6Warri Gibxi keessa jiraatan hundis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.

7Yommuu isaan harkaan si qabatanitti baqaqxee gatiittii isaanii waraante; yommuu isaan sitti irkatanittis ati caccabdee akka dugdi isaanii hollatu goote.

8“ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani goraadee sitti fidee namoota keetii fi horii isaanii nan fixa.

9Gibxi duwwaa fi ona taati; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.

10kanaafuu ani sitti kaʼeera; lageen keettis kaʼeera; biyya Gibxis Migdoolii jalqabee hamma Aswaanitti, hamma daarii Itoophiyaatti diigamtuu fi ontuu nan godha.

11Miilli namaa yookaan kotteen horii karaa sana hin darbu; namni tokko iyyuu hamma waggaa afurtamaatti ishee keessa hin jiraatu.

12Ani biyyoota onan gidduutti biyya Gibxi nan onsa; magaalaawwan ishees magaalaawwan diigaman gidduutti waggaa afurtama ni onu. Namoota Gibxi immoo saboota keessa nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bittinneessa.

13“ ‘Ammas Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Dhuma waggaa afurtamaatti ani namoota Gibxi saboota isaan itti bittinneeffaman keessaa walitti nan qaba.

14Ani boojuudhaa isaan deebisee Phaxroos biyya abbootii isaaniitti isaan nan galcha. Achittis isaan mootummaa gad aanaa ni taʼu.

15Isheenis mootummoota keessaa gad aantuu ni taati; deebitees saboota kaaniin olitti gonkumaa ol of hin kaaftu. Anis akka isheen lammata saboota kaan hin bulchineef ishee nan dadhabsiisa.

16Biyyi Gibxi siʼachi uummata Israaʼeliif irkoo hin taatu; yoo isaan gargaarsaaf gara isheetti deebiʼan garuu isheen yaadannoo cubbuu isaanii taati. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beeku.’ ”

17Waggaa digdamii torbaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:

18“Yaa ilma namaa, Nebukadnezar mootiin Baabilon duula jabaadhaan loltoota isaa Xiiroositti kaaseera; mataan nama hundaa molaaʼeera; gatiittiin nama hundaas luqqaʼeera. Taʼus innii fi loltoonni isaa duula jabaa Xiiroositti kaasaniin buʼaa tokko illee hin arganne.

19Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani biyya Gibxi Nebukadnezar mootii Baabiloniif nan kenna; innis ishee boojiʼee qabeenya ishee saama. Kunis mindaa loltoota isaa taʼa.

20Ani Gibxiin gatii dadhabbii isaa godhee isaaf kenneera; innii fi loltoonni isaa waan kana anaaf hojjetaniiruutii, jedha Waaqayyo Gooftaan.

21“Ani Guyyaa sana akka manni Israaʼel gaanfa baasu nan godha; isaan gidduuttis afaan kee nan saaqa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”

← Hisqiʼeel 28 Hisqiʼeel Hisqiʼeel 30 →