We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Hisqiʼeel 31

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Hisqiʼeel 30 Hisqiʼeel Hisqiʼeel 32 →

1Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sadaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:

2“Yaa ilma namaa, Faraʼoon mooticha Gibxii fi tuuta namoota isaatiin akkana jedhi:

3Kunoo Asoor akka birbirsa Libaanoon

4Bishaan isa biqilche;

5Kanaafuu inni mukkeen bosonaa hundaan olitti

6Simbirroonni samii hundi

7Inni sababii hidda isaa

8Gaattiraawwan iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran

9Ani dameewwan baayʼeedhaan

10“ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii inni ol dheeratee fiixeen isaa duumessa tuqee inni dheerina isaatiin of tuuleef,

11akka inni waan hammina isaatiif malu isaaf kennuuf, ani dabarseen bulchaa sabootaatti isa kenne. Darbadhees isa nan gate;

12alagoonni akka malee hamoonis cicciranii isa gatan. Lataawwan isaa gaarran irraa fi sululawwan keessatti harcaʼa; dameewwan isaa immoo cicciramanii boʼoowwan bishaanii hunda keessa buʼan. Saboonni lafaa hundi gaaddisa isaa jalaa baʼanii isa dhiisanii deeman.

13Simbirroonni samii hundi muka jige sana irra qubatan; bineensonni dirree hundinuus dameewwan isaa gidduu turan.

14Kanaafuu mukni bishaan bira jiru kam iyyuu akka malee hin guddatu yookaan fiixeen isaa duumessa hin tuqu. Mukni akkasitti bishaan quufe kam iyyuu akkas ol dheeratee hin beeku. Isaan hundi warra duʼanii boolla qileetti gad buʼan wajjin akka duʼan itti murteeffameera.

15“ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhe: Guyyaa inni awwaalametti ani isaaf jedhee burqaawwan gad fagoo gaddaan nan guute; lageen isaa nan ittise; bishaan isaa guddichis yaaʼuu dhiise. Sababii isaatiif ani Libaanoonitti dukkana nan uffise; mukkeen dirree hundis ni gogan.

16Yommuu ani warra boolla buʼan sanatti dabalee awwaala keessa isa buusutti sagalee kufaatii isaatiin ani saboota nan hollachiisa. Ergasiis mukkeen Eeden kanneen Libaanoon keessaa filatamoo fi kan addaa taʼan hundi, mukkeen akka gaarii bishaan obaafaman hundi boolla keessatti jajjabeeffaman.

17Warri gaaddisa isaa jala jiraatan kanneen saboota gidduudhaa isaaf tumsan, warra goraadeedhaan ajjeefamanitti makamuuf isa wajjin awwaala keessa buʼan.

18“ ‘Mukkeen Eeden keessaa kan ulfinaa fi surraadhaan siin qixxaatu kami? Taʼu iyyuu mukkeen Eeden wajjin boolla buuta; ati warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin, namoota dhagna hin qabatin gidduu ciifta.

← Hisqiʼeel 30 Hisqiʼeel Hisqiʼeel 32 →