We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Amoos 7

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Amoos 6 Amoos Amoos 8 →

1Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise: Inni erga qoodni mootichaa haamamee booddee, utuma midhaan lammaffaan gaʼaa jiruu tuuta hawwaannisaa qopheesse.

2Anis erga hawwaannisni sun lafa barbadeessee booddee, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, nuuf araarami! Yaaqoob akkamiin dandaʼee badiisa irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye.

3Kanaafuu Waaqayyo ni gaabbe.

4Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise; Waaqayyo Gooftaan murtii kennuuf ibidda waamaa ture; ibiddi sunis tuujuba guddaa gogsee lafas ni barbadeesse.

5Kana irratti ani, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani sin kadhadhaa, waan kana nurraa dhaabi! Yaaqoob akkamiin waan kana irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye.

6Kanaafuu Waaqayyo ni gaabbe.

7Inni waan kana na argisiise: Gooftaan tumbii harkatti qabatee dallaa tumbiidhaan ijaarame bira dhaabachaa ture.

8Waaqayyos, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate.

9“Iddoowwan sagadaa Yisihaaq ni barbadaaʼu;

10Ergasii Amasiyaa lubni Beetʼeel akkana jedhee Yerobiʼaam mooticha Israaʼelitti ergaa tokko erge; “Amoos garaa Israaʼel keessatti sitti malateera. Dubbii isaa hunda lafti iyyuu baachuu hin dandeessu.

11Amoos akkana jedheeraatii:

12Kana irratti Amasiyaan Amoosiin akkana jedhe; “Yaa ilaaltuu nana, sokki! Biyya Yihuudaatti deebiʼi. Achitti buddeena nyaadhu; raajiis dubbadhu.

13Sababii inni iddoo qulqulluu mootichaatii fi mana qulqullummaa mootummaa taʼeef ati lammata Beetʼeel keessatti raajii hin dubbatin.”

14Amoos immoo akkana jedhee Amasiyaaf deebise; “Ani raajii yookaan ilma raajii miti; garuu ani tiksee fi eegduu muka harbuun ture.

15Waaqayyo garuu tika bushaayee keessaa na fuudhee, ‘Dhaqii saba koo Israaʼelitti raajii dubbadhu’ naan jedhe.

16Egaa amma dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Ati akkana jetta;

17“Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha:

← Amoos 6 Amoos Amoos 8 →