We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

1 Seenaa 24

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← 1 Seenaa 23 1 Seenaa 1 Seenaa 25 →

1Ilmaan Aroon akka armaan gadiitti ramadaman:

2Naadaabii fi Abiihuu garuu utuu ijoollee hin dhalchin abbaa isaanii dursanii duʼan; kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar luboota taʼanii tajaajilan.

3Daawitis gargaarsa Zaadoq sanyii Eleʼaazaar sanaatii fi Ahiimelek sanyii Iitaamaariin akkuma tajaajila isaaniitti garee gareen isaan ramade.

4Sanyiiwwan Iitaamaarii caalaa sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa hooggantoonni hedduun ni argaman; isaanis akkanatti ramadaman: sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa abbootii maatii kudha jaʼa, sanyiiwwan Iitaamaar keessaa immoo abbootii maatii saddeet.

5Isaan sababii sanyiiwwan Eleʼaazaarii fi sanyiiwwan Iitaamaar keessa qondaaltonni mana qulqullummaatii fi qondaaltonni Waaqaa turaniif loogii malee ixaadhaan isaan ramadan.

6Shemaaʼiyaan ilmi Naatnaaʼel namicha gosa Lewwii barreessaan sun fuula mootichaatii fi qondaaltotaa duratti maqaa isaanii Zaadoq lubicha, Ahiimelek ilma Abiyaataar, abbootii maatiiwwan lubootaatii fi Lewwotaa, innis gosa Eleʼaazaar keessaa maatii tokko, gosa Iitaamaar keessaa immoo maatii tokko fuudhee barreesse.

7Ixaan jalqabaa Yehooyaariibiif,

8sadaffaan Haariimiif,

9shanaffaan Malkiyaaf,

10torbaffaan Haqoosiif,

11saglaffaan Yeeshuuʼaaf,

12kudhan tokkoffaan Eliyaashiibiif,

13kudha sadaffaan Huphaaf,

14kudhan shanaffaan Bilgaaf,

15kudha torbaffaan Heeziiriif,

16kudha saglaffaan Phetaayaaf,

17digdamii tokkoffaan Yaakiiniif,

18digdamii sadaffaan Delaayaaf,

19Kun seera isaan yeroo mana qulqullummaa Waaqayyoo seenanitti ittiin tajaajilanii dha; seera kanas abbaa isaanii Aroonitu akkuma Waaqayyo Waaqni Israaʼel isa ajajetti isaaniif kenne.

20Ilmaan Lewwii warra hafan:

21Ilmaan Rehaabiyaa keessaa: Yishiyaa hangafticha.

22Yizihaarota keessaa: Sheloomiit;

23Ilmaan Kebroon: Inni jalqabaa Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.

24Ilma Uziiʼeel: Miikaa.

25Obboleessa Miikaa: Yishiyaa;

26Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii.

27Ilmaan Meraarii:

28Mahilii irra: Eleʼaazaar; namichi kun ilmaan hin qabu ture.

29Qiish irraa: Yeramiʼeel ilma Qiish.

30Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yeriimooti.

31Isaanis akkuma obboloota isaanii ilmaan Aroon sana fuula Daawit Mootichaa duratti, fuula Zaadoq, Ahiimelek, fuula hangafoota maatii lubootaatii fi Lewwotaa duratti ixaa buufatan. Maatii obboleessa hangaftichaatiifis akkuma maatii obboleessa quxisuutti ixaan buʼe.

← 1 Seenaa 23 1 Seenaa 1 Seenaa 25 →