1Daawit ajajjoota loltootaa wajjin akka isaan kiraaraan, baganaa fi kililleetti fayyadamanii raajii dubbataniif maatii Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun keessaa namoota addaan baafate. Maqaan namoota tajaajila kana kennaa turaniis:
2Ilmaan Asaaf keessaa:
3Ilmaan Yeduutuun keessaa:
4Ilmaan Heemaan keessaa:
5Isaan kunneen hundi ilmaan Heemaan namicha mootichaaf mulʼata argu sanaa turan. Isaan akka isa kabajaniif akkuma Waaqni abdachiise sanatti isaa ni kennaman. Waaqnis ilmaan kudha afurii fi intallan sadii Heemaaniif ni kenne.
6Namoonni kunneen hundi tajaajila mana Waaqaa keessatti faarfannaa kililleedhaan, kiraaraa fi baganaadhaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti faarfatamu sanaaf qajeelcha abbootii isaanii jala turan.
7Isaanii fi firoonni isaanii kanneen hundi isaanii faarfannaa Waaqayyoof faarfatamuun leenjifamanii ogummaa qaban walumaa galatti 288 turan.
8Jarris ramaddii isaanii beekuudhaaf xinnaa fi guddaan, barsiisaa fi barataan haaluma wal fakkaatuun ixaa buufatan.
9Ixaan jalqabatti Asaafiif buʼe sun Yoosefiif, ilmaan Yoosefiitii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaaniis kudha lama turan
10sadaffaan Zakuuriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
11afuraffaan Izriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
12shanaffaan Naataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
13jaʼaffaan Bukiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
14torbaffaan Yishiriʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
15saddeettaffaan Yashaayaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
16saglaffaan Mataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
17kurnaffaan Shimeʼiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
18kudha tokkoffaan Azariʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
19kudha lammaffaan Hashabiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
20kudha sadaffaan Shuubaaʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
21kudha afuraffaan Matiitiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
22kudha shanaffaan Yereemootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan
23kudha jaʼaffaan Hanaaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
24kudha torbaffaan Yoshibqaashaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
25kudha saddeettaffaan Hanaaniif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan
26kudha saglaffaan Malootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
27digdammaffaan Eliyaataaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
28digdamii tokkoffaan Hootiiriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
29digdamii lammaffaan Gidaltiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
30digdamii sadaffaan Mahaaziyootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
31digdamii afuraffaan Roomaamti-Ezeriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan.