We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

1 Seenaa 23

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← 1 Seenaa 22 1 Seenaa 1 Seenaa 24 →

1Daawit erga waggaa hedduu jiraatee dulloomee booddee ilma isaa Solomoonin Israaʼel irratti mootii godhe.

2Akkasumas Daawit dura buutota Israaʼel hunda, lubootaa fi Lewwota illee walitti qabe.

3Lewwonni umuriin isaanii waggaa soddomaa fi hammasii olii ni lakkaaʼaman; baayʼinni dhiirotaa kuma soddomii saddeet taʼe.

4Daawitis akkana jedhe; “Isaan kanneen keessaa kuma digdamii afur hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo haa toʼatan; namoonni kuma jaʼa qondaaltotaa fi abbootii murtii haa taʼan.

5Kumni afur eegdota balbalaa haa taʼan; kumni afur immoo miʼoota faarfannaa kanneen ani kaayyoo kanaaf kenneen Waaqayyoon haa galateeffatan.”

6Daawitis Lewwota akkuma gosoota Lewwiitti garee gareen gargar ni qoode; isaanis: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.

7Gosa Geershoon keessaa:

8Ilmaan Laʼadaanii:

9Ilmaan Shimeʼii:

10Ilmaan Shimeʼii:

11Yahaati hangafa; Ziinaan lammaffaa; Yeʼuushii fi Beriiyaan garuu ilmaan baayʼee hin qaban; kanaafuu isaan akkuma maatii tokkootti lakkaaʼaman.

12Ilmaan Qohaatii:

13Ilmaan Amraam:

14Ilmaan Musee nama Waaqaa immoo gosa Lewwiitti dabalamanii lakkaaʼaman.

15Ilmaan Musee:

16Ilmaan Geershoomii:

17Ilmaan Eliiʼezerii keessaa:

18Ilmaan Yizihaar keessaa:

19Ilmaan Kebroon;

20Ilmaan Uziiʼeel:

21Ilmaan Meraarii:

22Eleʼaazaar utuu ilmaan hin dhalchin duʼe; inni intallan qofa qaba ture. Durbiiwwan isaanii ilmaan Qiishitu isaan fuudhe.

23Ilmaan Muusii:

24Isaan kunneen ilmaan Lewwii kanneen akkuma mana abbootii isaaniitti hangafoonni abbootii warri maqaa maqaadhaan galmeeffamanii tokko tokkoon lakkaaʼaman, hojjettoota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼe warra mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tajaajilanii dha.

25Daawit akkana jedhee tureetii; “Waaqayyoo Waaqni Israaʼel saba isaatiif boqonnaa kenneera; bara baraanis Yerusaalem keessa ni jiraata;

26siʼachi Lewwonni dunkaana yookaan miʼoota achi keessatti itti fayyadaman hin baatan.”

27Akkuma qajeelcha Daawit dhuma irratti kenneetti, Lewwonni waggaa digdamaa fi sanaa olii hedamaniiruutii.

28Hojiin Lewwotaas tajaajila mana qulqullummaa Waaqaa keessatti sanyiiwwan Aroonii gargaaruu dha; kunis oobdiiwwanii fi kutaawwan mana qulqullummaa eeguu, miʼoota qulqulluu qulqulleessuu fi hojiiwwan biraas mana Waaqayyoo keessatti hojjechuu dha.

29Akkasumas buddeena minjaala irra kaaʼuu, daakuu kennaa midhaanii, buddeena utuu hin bukaaʼin tolfame, tolchuu fi waliin makuu, safartuu fi madaalii hunda irratti itti gaafatamtoota turan.

30Isaan guyyaa guyyaadhaan Waaqayyoon galateeffachuu fi jajachuuf ganama ganama fuula isaa dura ni dhaabatu; galgala galgalas akkasuma ni godhu;

31yeroo aarsaan gubamu guyyaa Sanbataa Waaqayyoof dhiʼeeffamutti yeroo Ayyaana Baatii Haaraa fi gaafa ayyaana yeroon isaa murtaaʼe kamii iyyuu akkanuma ni godhu. Isaan yeroo hunda akkuma lakkoobsaa fi qajeelfama isaanii kennameetti fuula Waaqayyoo dura tajaajilu ture.

32Lewwonni akkasiin itti gaafatama dunkaana wal gaʼii fi Iddoo Qulqulluu eeguuf qaban raawwatan; akkasumas ajaja obboloota isaanii sanyiiwwan Aroon jalatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti qaban raawwachaa turan.

← 1 Seenaa 22 1 Seenaa 1 Seenaa 24 →