1Yaa Libaanoon, akka ibiddi birbirsa kee gubee fixuuf
2Yaa muka gaattiraa, birbirsi kufeeraatii wawwaadhu;
3Wawwaannaa tiksootaa dhaggeeffadhaa;
4Waaqayyo Waaqni koo akkana jedha: “Bushaayee qalmaaf qopheeffaman tiksi.
5Warri isaan bitatan, qalatanii utuu hin adabamin hafu. Warri gurguratanis, ‘Waaqayyoon galanni haa gaʼu; ani sooressa!’ jedhu. Tiksoonni isaanii garaa isaaniif hin laafan.
6Ani siʼachi uummata biyyattiitiif garaa hin laafuutii” jedha Waaqayyo. “Ani nama hunda dabarsee ollaa isaatii fi mootii isaatti nan kenna. Isaan biyyattii ni rukutu; anis harka isaaniitii isaan hin baasu.”
7Kanaafuu ani bushaayee qalmaaf qopheeffaman, keessumattuu kanneen bushaayee cunqurfaman nan tikfadhe. Ergasii ani ulee lama fudhadhee isa tokkoon Surraa isa kaaniin immoo Tokkummaa jedheen moggaase; akkasiinis bushaayee nan tikfadhe.
8Ani jiʼuma tokko keessatti tiksoota sadan nan balleesse.
9akkanas jedheen; “Ani tiksee keessan hin taʼu. Kan duʼu haa duʼu; kan badus haa badu. Kanneen hafanis foon walii haa nyaatan.”
10Ergasii ani kakuu saboota hunda wajjin gale cabsuudhaaf ulee koo kan Surraa jedhamu fuudhee nan cabse.
11Innis guyyuma sana cabe; kanaafuu bushaayeen dhiphatan kanneen na ilaalaa turan akka wanni kun dubbii Waaqayyoo taʼe beekan.
12Anis, “Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaate, gatii koo naaf kennaa; yoo taʼuu baate immoo dhiisaa” nan jedheen. Kanaafuu isaan meetii soddoma naaf kennan.
13Waaqayyos gatii gaarii isaan itti na shallagan sana, “Mankuusa keessa buusi!” naan jedhe. Kanaafuu ani meetii soddomman sana fuudhee mana Waaqayyoo keessatti mankuusa keessa nan buuse.
14Ergasii ani obbolummaa Yihuudaatii fi Israaʼel diiguudhaaf ulee koo lammaffaa kan Tokkummaa jedhamu sana nan cabse.
15Kana irratti Waaqayyo akkana naan jedhe; “Ammas miʼa tiksee gowwaa sanaa fuudhi.
16Ani kunoo biyyattii keessatti tiksee hoolotaa nan kaasa; innis isa bade hin yaadatu; isa joore hin barbaadu; isa cabe hin walʼaanu; isa fayye hin sooru; garuu foon coomaa ni nyaata; kottee isaaniis ni caccabsa.
17“Tiksee faayidaa hin qabne