1Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;
2Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa;
3Ulfina isaa saboota gidduutti,
4Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;
5Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii;
6Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;
7Yaa maatiiwwan sabootaa Waaqayyoof kennaa;
8Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;
9Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa;
10Saboota gidduutti, “Waaqayyo mootii dha” jedhaa;
11Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu;
12Dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadan.
13Uumamni hundi fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii;