1Yaa Waaqayyo, ati lafa keetiif arjoomteerta;
2Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf;
3Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta;
4Yaa Waaqa Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi;
5Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa kee
6Akka sabni kee sitti gammaduuf,
7Yaa Waaqayyo, araara kee nutti mulʼisi;
8Ani waan Waaqayyo Waaqni jedhu nan dhaggeeffadha;
9Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf,
10Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan;
11Amanamummaan lafa keessaa burqa;
12Waaqayyo dhugumaan waan gaarii ni kenna;
13Qajeelummaan fuula isaa dura deema;