1Yaa Waaqayyo jabina ko, ani sin jaalladha.
2Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;
3Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha;
4Funyoon duʼaa na xaxe;
5Funyoon siiʼool natti marame;
6Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe;
7Lafti ni hollatte; ni sochootes;
8Aarri funyaan isaatii ol baʼe;
9Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe;
10Inni kiirubeelin yaabbatee barrise;
11Inni dukkana haguuggii isaa, duumessa samii kan
12Ifa fuula isaa keessaas duumessi dhagaa cabbiitii fi
13Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe;
14Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse;
15Yaa Waaqayyo, dheekkamsa keetiin,
16Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe;
17Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo
18Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan;
19Inni iddoo balʼaatti na baase;
20Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera;
21Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii;
22Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira;
23Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture;
24Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti,
25Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta;
26Nama qulqulluutti qulqulluu taata;
27Ati warra gad of qaban ni oolchita;
28Yaa Waaqayyo ati ibsaa koo jabeessitee ni ibsita;
29Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema;
30Waaqa kana karaan isaa mudaa hin qabu;
31Waaqayyo malee Waaqni eenyu?
32Kan humna na hidhachiisu,
33Inni miilla koo akka miilla borofaa godha;
34Inni harka koo waraanaaf leenjisa;
35Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota;
36Akka koomeen koo hin mucucaanneef,
37Ani diinota koo ariʼee nan qaqqabadhe;
38Ani akka isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandeenyeef isaan nan barbadeesse;
39Ati lolaaf humna na hidhachiifte;
40Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta;
41Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre;
42Anis akkuma awwaara bubbeen fudhatuutti isaan nan daake;
43Ati lola namootaa jalaa na baafteerta;
44Namoonni ormaa na sossobatan;
45Isaan hundi abdii kutatan;
46Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu!
47Inni Waaqa haaloo naa baasu,
48diinota koo jalaas na baasa.
49Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa;
50Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna;