1Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa;
2Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha;
3Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf;
4Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima;
5Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu;
6Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu;
7Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu;
8Waaqayyo arjaa fi gara laafessa;
9Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha;
10Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata;
11Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu;
12kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa,
13Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;
14Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba;
15Iji nama hundaa si eeggata;
16Ati harka kee balʼiftee
17Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha;
18Waaqayyo warra isa waammatan hundatti,
19Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta;
20Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega;
21Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata.