1Balaʼaam yeroo akka Israaʼelin eebbisuun Waaqayyoon gammachiise argetti akka yeroo kaanii falfala barbaacha hin dhaqne; garuu fuula isaa gara gammoojjiitti deebifate.
2Yommuu Balaʼaam ol milʼatee akka Israaʼel gosa gosaan qubate argetti Hafuurri Waaqaa isa irra buʼe;
3innis akkana jedhee ergaa isaa dubbate:
4ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu
5“Yaa Yaaqoob, dunkaanonni kee,
6“Isaan akkuma sulula diriiraa,
7Okolee isaa keessaa bishaantu lolaʼa;
8“Waaqayyo Gibxii isa baase;
9Inni akkuma leencaa ciiseera;
10Baalaaq Balaʼaamitti aare. Innis harka ofii isaa walitti rurrukutee Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani akka ati diina koo abaartuufan si waammadhe; ati kunoo yeroo sadan kana isaan eebbifte.
11Amma dafii asii deemii mana keetti gali! Ani ulfina guddaa siif nan kenna jedheen ture; amma garuu Waaqayyo akka ati ulfina hin arganne si godheera.”
12Balaʼaamis Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani ergamoota ati natti ergite sanatti akkana jedheen hime mitii?
13‘Utuu Baalaaq masaraa meetii fi warqeen guutame sana naaf kennee iyyuu, ani waanuma Waaqayyo jedhe qofan dubbadha malee ajaja Waaqayyootiin alatti waan yaada koo gaarii yookaan hamaa tokko iyyuu hojjechuu hin dandaʼu.’
14Kunoo ani amma saba kootti nan deebiʼa; garuu mee kottu ani waan sabni kun bara dhufu keessa saba keetiif godhu sin beeksisaa.”
15Inni akkana jedhee ergaa isaa dubbate:
16ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu
17“Ani isa nan arga; garuu amma miti;
18Edoom ni moʼatama;
19Yaaqoob keessaa bulchaan tokko ni kaʼa;
20Ergasiis Balaʼaam Amaaleqin argee akkana jedhee ergaa ofii isa dubbate:
21Ergasii Qeenota argee akkana jedhee ergaa ofii isaa itti dubbate:
22taʼus isin warri Qeenotaa,
23Innis akkana jedhee ergaa isaa itti dubbate:
24Dooniiwwan qarqara Kitiim irraa ni dhufu;
25Ergasii Balaʼaam kaʼee mana ofii isaatti deebiʼe; Baalaaq immoo karaa ofii isaa qajeele.