We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Lakkoobsa 23

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Lakkoobsa 22 Lakkoobsa Lakkoobsa 24 →

1Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; amma illee korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naa qopheessi” jedhe.

2Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedhe sana godhe; isaan lamaan tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irratti korma looniitii fi korbeessa hoolaa tokko tokko aarsaa dhiʼeessan.

3Ergasii Balaʼaam Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani xinnoo achi sirraa nan siqa; ati immoo asuma aarsaa kee bira turi. Tarii Waaqayyo anaa wajjin wal arguuf ni dhufa taʼa. Waan inni natti mulʼisu kam iyyuu ani sittin hima.” Innis gara gaara tokkoo dhaqe.

4Waaqayyo isaan wal arginaan Balaʼaam, “Ani iddoo aarsaa torba qopheessee tokkoo tokkoo isaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko qopheesseera” jedhe.

5Waaqayyo ergaa tokko afaan Balaʼaam keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen.

6Balaʼaam Baalaaqitti deebiʼee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge.

7Balaʼaam ergaa isaa akkana jedhee dubbate:

8Ani akkamittan warra Waaqni hin abaarin

9Fiixee gaarranii irraa ani isa nan arga;

10Eenyutu awwaara Yaaqoob lakkaaʼuu dandaʼa?

11Baalaaqis Balaʼaamiin, “Wanni ati na goote kun maali? Ani akka ati diina koo naa abaartuufin si fide; ati kunoo isaan eebbifte malee waan tokko iyyuu isaan hin goone!” jedhe.

12Innis, “Ani waan Waaqayyo afaan koo keessa kaaʼu hin dubbadhuu?” jedhee deebii kenneef.

13Baalaaq, “Mee gara lafa itti isaan arguu dandeessu biraa na wajjin kottu; ati gara tokko qofa malee hunduma isaanii arguu hin dandeessu. Achiis isaan naa abaari” jedheen.

14Inni gara dirree Xoofiim kan fiixee Phisgaa irratti argamuutti isa geesse; achittis iddoo aarsaa torba ijaaree tokkoo tokkoo iddoo aarsaa sanaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.

15Balaʼaamis Baalaaqiin, “Ati hamma ani achi siqee Waaqa wajjin wal argutti asuma aarsaa kee bira turi” jedhe.

16Waaqayyo Balaʼaam wajjin wal argee ergaa tokko afaan isaa keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen.

17Balaʼaam Baalaaq bira dhaqee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge. Baalaaqis, “Waaqayyo maal jedhe?” jedhee Balaʼaamiin gaafate.

18Balaʼaam akkana jedhee ergaa isaa dubbate:

19Waaqni nama miti; inni hin sobu;

20Kunoo ani eebbisuudhaaf ajaja argadheera;

21“Inni Yaaqoob keessatti daba hin argine;

22Waaqayyo biyya Gibxiitii isaan baase;

23Yaaqoob irratti falfalli tokko iyyuu hin hojjetu;

24Kunoo sabni sun akka leenca dhalaatti kaʼa;

25Baalaaq Balaʼaamiin, “Ati gonkumaa isaan hin abaarin yookaan isaan hin eebbisin” jedhe.

26Balaʼaamis, “Ani akka waan Waaqayyo jedhu kam iyyuu hojjedhu sitti hin himnee?” jedhee Baalaaqiif deebise.

27Ergasii Baalaaq Balaʼaamiin, “Mee kottu amma illee ani iddoo biraa sin geessaa. Tarii achii jara naaf abaaruun kee Waaqa gammachiisa taʼaatii” jedhe.

28Baalaaqis Balaʼaamin fiixee tulluu Pheʼoor kan irra dhaabatanii gammoojjii sana gad ilaalanitti ol baase.

29Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; ammas korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naaf qopheessi” jedhe.

30Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedheen sana godhe; tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irrattis korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.

← Lakkoobsa 22 Lakkoobsa Lakkoobsa 24 →