1Iyyoob akkana jedhee deebise:
2“Ati nama humna hin qabne hammam gargaarte!
3Nama ogummaa hin qabneef gorsa akkamii kennite!
4Akka ati dubbii kana dubbattuuf eenyutu si gargaare?
5“Warri duʼan, warri bishaanii gadiitii fi
6Duuti fuula Waaqaa duratti qullaa jira;
7Waaqni iddoo duwwaa irra samii kaabaa diriirsa;
8Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba;
9Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan
10Inni fuula bishaanotaa irratti,
11Utubaawwan samii ni hollatu;
12Inni humna isaatiin galaana ni raasa;
13Hafuura baafatuun samiiwwan qulqulleesse;
14Wantoonni kunneen hojii isaa keessaa qarqaruma qofa;