We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Isaayyaas 8

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Isaayyaas 7 Isaayyaas Isaayyaas 9 →

1Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gabatee guddaa tokko fuudhiitii isa irratti, ‘Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz’8:1 Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz jechuun dafii boojiʼi; ariifadhuu saami jechuu dha. jedhii qubee beekamaadhaan barreessi.”

2Anis akka isaan dhuga baatota amanamoo taʼaniif Uuriyaa lubichaa fi Zakkaariyaas ilma Yeberekiyaa nan waammadha.

3Anis raajittii bira nan gaʼe; isheenis ulfooftee ilma deesse. Waaqayyo akkana naan jedhe; “Maqaa isaa Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz jedhii moggaasi.

4Utuu mucaan kun ‘Aabboo’ yookaan ‘Aayyoo’ jechuu hin beekin dura qabeenyi Damaasqootii fi boojuun Samaariyaa mootii Asooriin fudhatama.”

5Waaqayyo ammas akkana jedhee natti dubbate:

6“Sabni kun bishaan Shilooʼaa

7kanaafuu Gooftaan,

8Lolaan sunis hamma morma gaʼutti guutee irra dhangalaʼee

9Yaa saboota, burkutaaʼaa!

10Mariʼadhaa; garuu faayidaa hin qabu;

11Waaqayyo harka isaa jabaa sanaan natti dubbatee akka ani karaa saba kanaa irra hin deemneef akkana jedhee na akeekkachiiseeraatii:

12“Isin waan uummanni kun fincila jedhu

13Kan isin akka qulqulluutti ilaaluu qabdan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu tokkicha;

14Inni iddoo qulqulluu taʼa;

15Hedduun isaanii ni gufatu;

16Dhuga baʼumsa kana walitti qabsiisi;

17Waaqayyo mana Yaaqoob duraa

18Anii fi ijoolleen Waaqayyo naa kenne kunoo ti. Nu Israaʼel keessatti Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan Tulluu Xiyoon irra jiraatu sanaaf mallattoo fi fakkeenya.

19Yommuu namni tokko dhaqaatii ilaaltootaa fi eker dubbistoota kanneen hasaasanii fi guunguman waa gaafadhaa isiniin jedhutti sabni tokko Waaqa isaa gorsa gaafachuu hin qabuu? Isaan waaʼee jiraattotaa maaliif warra duʼan gaafatu?

20Akka seeraa fi dhuga baʼumsa sanaatti jiraadhaa! Isaan yoo akka dubbii kanaatti dubbachuu baatan ifa barii hin qaban jechuu dha.

21Isaan rakkina guddaa fi beelaan biyya keessa jooru; yommuu beelaʼanittis akka malee aaranii, ol ilaalanii mootii isaaniitii fi Waaqa isaanii abaaru.

22Ergasiis gara lafaa ilaalanii rakkina guddaa, dukkanaa fi hurrii sodaachisaa argu; isaanis dukkana hamaatti darbatamu.

← Isaayyaas 7 Isaayyaas Isaayyaas 9 →