We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Isaayyaas 66

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Isaayyaas 65 Isaayyaas

1Waaqayyo akkana jedha:

2Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?

3Garuu namni korma qalu kam iyyuu

4Kanaafuu ani gidiraa isaaniif nan fila;

5Warri dubbii isaatiin hollattan

6Huursaa magaalaa keessaa sana dhagaʼaa;

7“Isheen utuu hin ciniinsifatin,

8Eenyutu takkumaa waan akkasii dhagaʼe?

9Ani yeroo daʼumsaatiin nama gaʼee

10“Isin warri ishee jaallattan hundi,

11Isin harma ishee kan nama

12Waaqayyo akkana jedhaatii:

13Akkuma haati daaʼima ishee urursitu sana,

14Isin yommuu waan kana argitanitti garaan keessan ni gammada;

15Kunoo, Waaqayyo ibiddaan ni dhufa;

16Waaqayyo ibiddaa fi goraadee isaatiin

17“Warri iddoo biqiltuu seenuuf jedhanii, isa warra foon booyyee, foon hantuutaatii fi wantoota jibbisiisoo biraa nyaatan gidduutti argamu duukaa buʼuudhaan addaan of baasanii of qulqulleessan wajjin barbadeeffamu” jedha Waaqayyo.

18“Ani waanan hojii fi yaada isaanii beekuuf, sabootaa fi afaanota hunda walitti qabuuf jedhee nan dhufa; isaanis dhufanii ulfina koo ni argu.

19“Ani gidduu isaanii mallattoo nan kaaʼa; hambaawwan keessaa namoota tokko tokko gara sabootaa jechuunis gara Tarshiish, Phuulii fi gara Luud warra xiyyaan lolan, gara Tuubaalii fi Yaawaan akkasumas gara biyyoota bishaan gidduu fagoo jiran kanneen waaʼee koo hin dhagaʼinii yookaan ulfina koo hin arginiitti nan erga. Isaanis saboota gidduutti ulfina koo ni labsu.

20Isaanis saboota hunda keessaa obboloota keessan hunda akkuma aarsaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti fardeeniin, gaariiwwaniin, harrootaan, gaangolii fi gaalawwaniin gara tulluu koo qulqulluutti, gara Yerusaalem ni fidu” jedha Waaqayyo. “Isaanis akkuma Israaʼeloonni miʼa akka seeraatti qulqulluu taʼeen aarsaa midhaan isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidan sanatti jara fidu.

21Anis isaan keessaa namoota tokko tokko akka isaan lubootaa fi Lewwota taʼaniif nan filadha” jedha Waaqayyo.

22“Akkuma samiin haaraanii fi lafti haaraan ani uumu itti fufanii fuula koo dura jiraatan sana maqaa fi sanyiin keessan itti fufanii jiraatu” jedha Waaqayyo.

23“Ayyaana Baatii tokkoo hamma Ayyaana Baatii kaaniitti, Sanbata tokkoo hamma Sanbata kaaniittis sanyiin namaa hundi dhufee fuula koo duratti ni sagada” jedha Waaqayyo.

24“Isaanis gad baʼanii reeffa warra natti fincilanii ni ilaalu; raammoon isaanii hin duʼu; ibiddi isaaniis hin dhaamu; isaanis sanyii namaa hundaaf jibbisiisoo taʼu.”

← Isaayyaas 65 Isaayyaas