1Lataan tokko jirma Isseey irraa ni lata;
2Hafuurri Waaqayyoo,
3inni Waaqayyoon sodaachuutti ni gammada.
4garuu nama rakkataaf qajeelummaadhaan murteessa;
5Qajeelummaan teepha mudhii isaa ti;
6Yeeyyiin xobbaallaa hoolaa wajjin jiraata;
7Saan amaaketa wajjin soorata;
8Daaʼimni boolla bofaa irra taphata;
9Isaan tulluuwwan koo qulqulloota hunda irratti
10Bara sana keessa hiddi Isseey akkuma faajjiitti uummataaf dhaabata; saboonni gara isaatti walitti qabamu; lafti inni boqotus ulfina qabeessa taʼa.
11Gaafas Gooftaan yeroo lammaffaaf harka isaa diriirsee Asoor irraa, Gibxi Gadii irraa, Gibxi Olii irraa, Itoophiyaa irraa, Eelaam irraa, Baabilon irraa, Hamaatii fi biyyoota bishaan gidduu galaanaa irraa hambaawwan saba isaa walitti qabata.
12Inni sabootaaf faajjii ol kaasee
13Hinaaffaan Efreem ni bada;
14Isaan karaa lixa biiftuutiin gatiittii Filisxeemitti gad buʼu;
15Waaqayyo guutumaan guutuutti,
16Akkuma gaafa isaan Gibxii baʼan Israaʼeliif taʼe sana,