1Yaa samiiwwan, dhagaʼaa; ani nan dubbadha;
2Barsiisni koo akka bokkaa haa roobu;
3Ani maqaa Waaqayyoo nan labsa.
4Inni Kattaa dha; hojiin isaa mudaa hin qabu;
5Isaan hammina isatti hojjetaniiru;
6Yaa saba gowwaa, kan ogummaa hin qabne,
7Baroota durii yaadadhu;
8Waaqni Waan Hundaa Olii yommuu sabootaaf dhaala isaaniif kennetti,
9Qoodni Waaqayyoo saba isaa ti;
10Inni lafa gammoojjii, lafa onaatii fi
11akkuma risaan mana ishee diigdee
12Waaqayyo qofatu isa geggeesse;
13Inni lafa ol kaʼaa irra isa burraaqsise;
14dhadhaa fi aannan saawaanii fi bushaayee,
15Yishuruun ni gabbate; ni dhiite;
16Isaan waaqota ormaatiin isa hinaafsisan;
17Isaan hafuurota hamoo Waaqa hin taʼiniif,
18Ati Kattaa si dhalche gante;
19Waaqayyo waan kana argee isaan tuffate;
20Innis, “Ani fuula koo isaan duraa nan dhokfadha;
21Isaan waan Waaqa hin taʼiniin na hinaafsisan;
22Dheekkamsa kootiin ibiddi qabsiifameeraatii;
23“Ani waan hamaa isaan irra nan tuula;
24Beela hamaa, golfaa nyaatee nama fixuu fi
25Karaa guddaa irratti goraadeen warra ijoollee hin qabne isaan godha;
26Anis isaan nan bittinneessa;
27Garuu akka diinonni isaanii of tuulanii,
28Isaan saba qalbii hin qabne,
29Isaan utuu ogeeyyii taʼanii waan kana hubatanii
30Yoo Kattaan isaanii isaan gurgure malee,
31Kattaan isaanii akka kattaa keenyaa miti;
32Wayiniin isaanii wayinii Sodoomiitii fi
33Wayiniin isaanii hadhaa bofaa,
34“Kun waan na biratti eegame,
35Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa.
36Waaqayyo yommuu akka isaan humna dhaban,
37Innis akkana jedha: “Kattaan isaan itti daʼatan,
38Waaqonni cooma qalma isaanii nyaatan,
39“Akka ani mataan koo Isa taʼe beekaa!
40Ani dhugumaan bara baraan jiraataadhaatii
41ani yommuun goraadee koo calaqqisaa qaradhee
42Yommuu goraadeen koo foon nyaatutti,
43Sababii inni haaloo dhiiga tajaajiltoota isaa baʼuuf,
44Museenis Iyyaasuu ilma Nuuni wajjin dhufee dubbiiwwan faarfannaa kana hunda namoota dhageessise.
45Innis yommuu dubbiiwwan kanneen hunda Israaʼeloota hundatti dubbatee fixetti,
46akkana isaaniin jedhe; “Akka isaan dubbiiwwan seera kanaa hunda of eeggannaadhaan eeganiif akka isin ijoollee keessan ajajjan, dubbiiwwan ani harʼa ifa baasee isinitti himu hunda qalbiitti qabadhaa.
47Isaan isiniif jireenya malee dubbii faayidaa hin qabne miti. Dubbiiwwan kanaan biyya laga Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa bara dheeraa ni jiraattu.”
48Gaafasuma Waaqayyo akkana jedhee Museetti hime;
49“Biyya Moʼaab kan fuullee Yerikoo jiru, tulluuwwan Abaariim keessa tulluu Nebootti ol baʼiitii biyya Kanaʼaan, biyya ani Israaʼelootaaf dhaala godhee kennu fuulleetti ilaali.
50Akkuma obboleessi kee Aroon tulluu Hoori irratti duʼee gara abbootii isaatti walitti qabame sana, atis tulluu yaabbattu sana irratti ni duuta; gara abbootii keetiittis walitti qabamta.
51Kunis waan isin lamaanuu Gammoojjii Siin, Qaadesh keessatti bishaan Mariibaa biratti fuula Israaʼelootaa duratti na amanuu diddanii fi sababii Israaʼeloota gidduutti qulqullummaa koo hin eeginiif.
52Kanaafuu ati fagootti argita malee biyya ani Israaʼelootaaf kennu sanatti hin galtu.”