We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Lallaba 5

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Lallaba 4 Lallaba Lallaba 6 →

1Ati yeroo gara mana Waaqaa dhaqxu tarkaanfii kee eeggadhu. Dhaggeeffachuuf dhiʼaachuun aarsaa gowwootaa dhiʼeessuu caala; isaan akka hammina hojjechaa jiran hin beekaniitii.

2Fuula Waaqaa duratti waan tokko dubbachuuf

3Abjuun baayʼina hojiitiin dhufa; haasaan gowwaas

4Ati yeroo wareega tokko Waaqaaf wareegdutti wareega sana of irraa baasuuf lafa irra hin harkifatin. Inni gowwootatti hin gammadu; ati wareega kee of irraa baasi.

5Wareeganii of irraa baasuu dhiisuu mannaa wareeguu dhiisuu wayya.

6Afaan kee cubbuu keessa si hin buusin. Ergamaa mana qulqullummaatiinis, “Wareegni koo dogoggora ture” hin jedhin. Waaqni maaliif waan ati jettetti aaree hojii harka keetii balleessa?

7Abjuun baayʼeenii fi dubbiin baayʼeen faayidaa hin qaban. Kanaafuu Waaqa sodaadhu.

8Ati yoo hiyyeessa aanaa tokko keessatti hacuucamee murtii qajeelaa fi mirgi dhowwatame argite, waan akkanaa hin dinqisiifatin; qondaalli tokko qondaala isaa oliitiin ilaalaamaatii; isaaniin olittis qondaaltonni biraa jiru.

9Faayidaan lafa irraa argamu kan nama hundaa ti; mootichi mataan isaa iyyuu qonna lafaa irraa fayyadama.

10Nama maallaqa jaalatu kam iyyuu maallaqni isa hin gaʼu;

11Akkuma qabeenyi baayʼatuun,

12Xinnaas nyaatu, guddaas nyaatu,

13Ani aduudhaa gaditti hammina nama gaddisiisu nan arge; kunis:

14yookaan qabeenya milkii dhabuudhaan badee

15Namni qullaadhuma isaa gadameessa haadha isaatii baʼa;

16Kunis hammina nama gaddisiisuu dha:

17Inni bara jireenya isaa hunda yaaddoo,

18Anis akka namni bara jireenya isaa kan Waaqni isaaf kenne gabaabaa kana keessa nyaatee dhugee hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabe sanatti illee gammaduun isaaf gaarii fi barbaachisaa taʼe nan hubadhe; qoodni isaa kanumaatii.

19Akkasumas Waaqni nama kamiifuu badhaadhummaa fi qabeenya kennee akka inni itti gammadu, akka inni qooda ofii isaa fudhatee hojii ofii isaatti gammadu isa godhuun isaa, kennaa Waaqaa ti.

20Sababii Waaqni garaa isaa gammachuudhaan guuteef inni bara jireenya isaa baayʼee hin yaadatu.

← Lallaba 4 Lallaba Lallaba 6 →