1Wanni hundinuu yeroo qaba;
2Dhalachuuf yeroo qaba; duʼuufis yeroo qaba;
3ajjeesuuf yeroo qaba; fayyisuufis yeroo qaba;
4booʼuuf yeroo qaba; kolfuufis yeroo qaba;
5dhagaa bittinneessuuf yeroo qaba; walitti qabuufis yeroo qaba;
6barbaaduuf yeroo qaba; barbaaduu dhiisuufis yeroo qaba;
7tarsaasuuf yeroo qaba; hodhuufis yeroo qaba;
8jaallachuun yeroo qaba; jibbuufis yeroo qaba;
9Hojjetaan tokko dadhabbii isaa irraa buʼaa maalii argata?
10Ani baʼaa Waaqni namoota irra kaaʼe argeera.
11Inni waan hunda yeruma isaatti miidhagsee tolcheera. Akkasumas yaada baraa baraa garaa namootaa keessa kaaʼe. Taʼus isaan waan Waaqni jalqabaa hamma dhumaatti hojjete beekuu hin dandaʼan.
12Ani akka namootaaf bara jireenya isaanii keessa wanni gammaduu fi waan gaarii hojjechuu caalu tokko iyyuu hin jirre nan beeka.
13Tokkoon tokkoon namaa nyaatee dhugee buʼaa hojii isaa hundatti gammaduun kennaa Waaqaa ti.
14Ani akka wanni Waaqni hojjetu hundi bara baraan jiraatu beeka; wanni tokko illee itti hin dabalamu; wanni tokko iyyuus irraa hin fudhatamu. Waaqni akka namoonni isa sodaataniif waan kana godha.
15Wanni amma jiru kam iyyuu duraanuu tureera;
16Anis aduudhaa gaditti waan biraa nan arge; kunis:
17Ani garaa koo keessatti akkana jedheen yaade;
18Ani amma illee akkana jedhee garaa koo keessatti nan yaade; “Waaqni akka isaan akkuma bineensotaa taʼuu isaanii arganiif ilmaan namaa qora.
19Wanni nama irra gaʼu, bineensota irras ni gaʼa; lachan isaanii iyyuu waanuma tokkotu eeggata; akkuma inni tokko duʼu, inni kaanis ni duʼa. Hundi isaanii hafuuruma tokko qabu; namni bineensa caalaa faayidaa argatu tokko illee hin qabu. Wanni hundinuu faayidaa hin qabu.
20Isaan hundi idduma tokko dhaqu; hundinuu biyyoo irraa dhufan; hundinuus biyyootti deebiʼu.
21Akka hafuurri namaa ol baʼee hafuurri bineensaa immoo lafa keessa seenu eenyutu beeka?”
22Kanaafuu ani sababii wanni sun ixaa isaa taʼeef akka namaaf wanni hojii isaatti gammaduu caalu tokko iyyuu hin jirre nan arge. Akka inni waan isa duubaan taʼu arguuf eenyutu isa fiduu dandaʼa?