1Dubbiin Daawit dhuma irratti dubbate kanaa dha:
2“Hafuurri Waaqayyoo karaa kootiin dubbateera;
3Waaqni Israaʼel dubbateera;
4inni akka ifa biiftuu ganamaa
5“Manni koo Waaqa duratti qajeelaa mitii?
6Namoonni hamoon hundinuu garuu
7Namni qoraattii tuqu kam iyyuu miʼa sibiilaa
8Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha:
9Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar ilma Doodoo namicha gosa Ahooʼaa ture; innis yeroo Filisxeemota lolaaf achitti walitti qabamanii turan sana waraanuuf kutatanitti, namoota jajjaboo Daawit wajjin turan sadan keessaa tokko ture. Ergasii namoonni Israaʼel booddeetti deebiʼan;
10inni garuu utuu lafa dhaabatee turee hin sochoʼin hamma harki isaa dadhabee goraadee isaatti gogutti Filisxeemota ni rukute. Waaqayyo gaafas moʼannoo guddaa kenne. Loltoonnis warra duʼan irraa hiikachuu qofaaf gara Eleʼaazaaritti deebiʼan.
11Isatti aanees Saamaa ilma Aagee namicha gosa Haraaraatu ture. Yommuu Filisxeemonni iddoo Leehi jedhamutti lafa qotiisaa kan misiraan guutame tokko biratti walitti qabamanitti loltoonni Israaʼel isaan duraa baqatan.
12Saamaan garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatee ture. Innis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixe; Waaqayyos moʼannaa guddaa kenne.
13Yeroo midhaan haammamutti utuu loltoonni Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessatti walitti qabamanii jiranuu, hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan.
14Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan.
15Daawitis Dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe.
16Kanaafuu namoonni jajjaboon sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase.
17Innis, “Yaa Waaqayyoo, waan kana gochuun narraa haa fagaatu! Bishaan kun dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti kutatanii deemanii mitii?” jedhe. Kanaafuu Daawit bishaan sana hin dhugne.
18Abiishaayi ilmi Zeruuyaa obboleessi Yooʼaab hoogganaa sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota sadan sanaa beekamaa taʼe.
19Abiishaayin warra sadan caalaa ulfina hin argannee ree? Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu ajajaa isaanii taʼe.
20Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese.
21Inni namicha biyya Gibxi guddicha tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe; innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese.
22Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture.
23Inni namoota soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate.
24Jara soddomman sana keessattis:
25Shamaa namicha gosa Haroodaa,
26Heleez namicha Phaaltii,
27Abiiʼezer nama Anaatoot,
28Zalmoon nama Ahooʼaa,
29Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa,
30Benaayaa nama Phiraatoon
31Abii-Alboon namicha biyya Arbaa,
32Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon,
33ilma Shamaa namicha Haraaraa sanaa,
34Eliiphelexi ilma Ahasbaayi nama Maʼakaat,
35Hezroo nama Qarmeloos,
36Yigiʼaal ilma Naataan namicha Zoobaa,
37Zeleq namicha gosa Amoon,
38Iiraas namicha gosa Yitraa,
39akkasumas Uuriyaa namicha Heet.