1Daawit yommuu Waaqayyo harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii Faarfannaa kana Waaqayyoof faarfate.
2Innis akkana jedhe:
3Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha;
4“Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha;
5Dambaliin duʼaa na marseera;
6Funyoon siiʼool natti marame;
7“Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe;
8Lafti ni hollatte; ni sochootes;
9Aarri funyaan isaatii ol baʼe;
10Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe;
11Inni kiirubeelin yaabbatee barrise;
12Inni dukkana, duumessa samii
13Ifa fuula isaa keessaas
14Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe;
15Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse;
16Dheekkamsa, Waaqayyootiin
17“Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe;
18Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo
19Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan;
20Inni iddoo balʼaatti na baase;
21“Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera;
22Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii;
23Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira;
24Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture;
25Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti,
26“Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta;
27nama qulqulluutti qulqulluu taata;
28Ati warra gad of qaban ni oolchita;
29Yaa Waaqayyo, ati ibsaa koo ti;
30Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema;
31“Waaqa kana, karaan isaa mudaa hin qabu;
32Waaqayyo malee Waaqni eenyu?
33Kan humna na hidhachiisu,
34Inni miilla koo akka miilla borofaa godha;
35Inni harka koo waraanaaf leenjisa;
36Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota;
37Akka koomeen koo hin mucucaanneef,
38“Ani diinota koo ariʼee nan balleesse;
39Ani guutumaan guutuutti isaan nan barbadeesse;
40Ati lolaaf humna na hidhachiifte;
41Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta;
42Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre;
43Anis akkuma awwaara lafaatti isaan nan daake;
44“Ati lola namootaa jalaa na baafteerta;
45namoonni ormaa na sossobatan;
46Isaan hundi abdii kutatan;
47“Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu!
48Inni Waaqa haaloo naa baasu,
49kan diinota koo jalaas bilisa na baasuu dha.
50Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa;
51“Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna;