We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

1 Saamuʼeel 29

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← 1 Saamuʼeel 28 1 Saamuʼeel 1 Saamuʼeel 30 →

1Filisxeemonni loltoota isaanii hunda Afeeqitti walitti qabatan; Israaʼeloonni immoo burqaa Yizriʼeel keessa jiru bira qubatan.

2Yommuu bulchitoonni Filisxeem dhibba dhibbaa fi kuma kumaan qoodamanii duulanitti Daawitii fi namoonni isaa Aakiish wajjin dugda duuba deemaa turan.

3Ajajjoonni loltoota Filisxeemis, “Ibroonni kunneen maali asii hojjetu?” jedhanii gaafatan.

4Ajajjoonni loltoota Filisxeem garuu isatti aaranii akkana jedhan; “Akka inni iddoo ati isa itti ramadde sanatti deebiʼuuf namicha kana deebisii ergi. Inni nu wajjin duuluu hin qabu; yoo kanaa achii inni lola keessatti nutti garagala. Inni yoo mataa namoota keenyaa kukkutuudhaan taʼe malee akkamitti gooftaa isaatti araaramuu dandaʼa?

5Daawit kun namichuma isaan,

6Kanaafuu Aakiish Daawitin waamee akkana jedheen; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ati nama amanamaa turte; ani utuu ati na wajjin loltoota keessa tajaajiltee nan gammada. Gaafa ati na bira dhuftee jalqabee hamma harʼaatti ani yakka tokko illee sirratti hin argine; garuu bulchitoonni si hin fudhanne.

7Deebiʼii nagaan deemi; waan bulchitoota Filisxeemotaa gaddisiisu tokko illee hin hojjetin.”

8Daawit, “Garuu ani maalin godhe? Erga ani gara kee dhufee jalqabee hamma ammaatti yakki ati tajaajilaa kee irratti argite maali? Ani maaliifin dhaqee diinota gooftaa koo mootichaa waraanuu hin dandaʼu?” jedhee gaafate.

9Aakiish akkana jedhee deebiseef; “Ani akka ati fuula koo duratti akkuma ergamaa Waaqayyoo namatti toltu beeka; taʼus ajajjoonni Filisxeemotaa, ‘Inni nu wajjin duuluu hin qabu’ jedhaniiru.

10Egaa amma kaʼiitii tajaajiltoota gooftaa keetii kanneen si wajjin dhufan wajjin ganamaan akkuma lafti ifeen deemaa.”

11Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa ganama bariin kaʼanii gara biyya Filisxeemotaa dhaquuf qajeelan; Filisxeemonni immoo gara Yizriʼeelitti ol baʼan.

← 1 Saamuʼeel 28 1 Saamuʼeel 1 Saamuʼeel 30 →