1Bara sana keessa Filisxeemonni Israaʼeloota loluuf humna isaanii walitti qabatan. Aakiishis Daawitiin, “Akka atii fi namoonni kee na wajjin duuluu qabdan beeki” jedhe.
2Daawitis, “Waan garbichi kee hojjechuu dandaʼu ati iyyuu yeroo sana ni argita” jedhe.
3Bara sana Saamuʼeel duʼee Israaʼeloonni hundi booʼaniifii magaalaa isaa Raamaatti isa awwaalan. Saaʼolis ilaaltotaa fi eker dubbiftoota biyyaa baasee ture.
4Filisxeemonni wal gaʼanii Suunamin qubatan; Saaʼol immoo Israaʼeloota hunda walitti qabee Gilboʼaa keessa qubate.
5Saaʼol yeroo qubata Filisxeemotaa argetti ni naʼe; garaan isaas sodaan raafame.
6Innis Waaqayyoon gaafate; Waaqayyo garuu abjuudhaan yookaan Uriimiidhaan yookaan raajotaan deebii hin kennineef.
7Kana irratti Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Akka ani dhaqee ishee gaafadhuuf dubartii eker dubbiftuu naaf barbaadaa” jedhe.
8Kanaafuu Saaʼol wayyaa biraa uffatee bifa geeddarachuudhaan tajaajiltoota isaa lama wajjin halkaniin gara dubartii ekeraa dubbiftuu sanaa dhaqe. Innis, “Ekeraa naaf dubbisiitii nama ani maqaa isaa sitti himu ol naaf baasi” jedhe.
9Dubartiin sun garuu, “Ati waan Saaʼol hojjete dhugumaan beekta. Inni ilaaltotaa fi eker dubbiftoota lafa irraa fixeera. Egaa maaliif lubbuu koo kiyyoo duʼaa keessa galchita ree?” jetteen.
10Saaʼolis maqaa Waaqayyootiin isheef kakatee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ati waan kanaaf hin adabamtu” jedhe.
11Dubartittiin sunis, “Ani eenyun ol siif baasu ree?” jettee gaafatte.
12Dubartiin sunis yommuu Saamuʼeelin argitetti guddiftee iyyite. Saaʼoliin, “Maaliif na gowwoomsite? Ati Saaʼolii dha!” jette.
13Mootichis, “Hin sodaatin. Ati maal argaa jirta?” isheen jedhe.
14Saaʼolis, “Inni maal fakkaata?” jedhee gaafate.
15Saamuʼeelis Saaʼoliin, “Ati maaliif ol na baasuudhaan na jeeqxa?” jedhe.
16Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati erga Waaqayyo sirraa garagalee diina sitti taʼee maaliif na waamta?
17Waaqayyo waanuma duraan dursee karaa kootiin dubbate sana fiixaan baase. Waaqayyo mootummaa harka kee keessaa butee ollaa kee keessaa nama tokkoof jechuunis Daawitiif kenneera.
18Sababii ati Waaqayyoof hin ajajaminiif yookaan dheekkamsa isaa sodaachisaa sana Amaaleqoota irratti hin raawwatiniif Waaqayyo harʼa waan kana sitti fideera.
19Israaʼelii fi siʼi illee Waaqayyo dabarsee harka Filisxeemotaatti ni kenna; atii fi ilmaan kee bori gara koo dhuftu. Waaqayyos loltoota Israaʼel dabarsee Filisxeemotatti ni kenna.”
20Saaʼol waan dubbii Saamuʼeeliin akka malee sodaateef yeruma sana hojjaa isaa guutuudhaan kufe. Inni waan halkanii fi guyyaa sana guutuu homaa hin nyaatiniif humna dhabee ture.
21Dubartittiinis yommuu gara Saaʼol dhuftee akka inni akka malee sodaate argitetti akkana jette; “Kunoo tajaajiltuun kee siif ajajamteerti. Ani lubbuu kootti murteessee waan ati jette godheera.
22Ammas maaloo tajaajiltuu kee dhagaʼi; ani nyaata xinnoo siifan kenna; atis nyaattee jabaattee karaa kee qajeelta.”
23Inni immoo, “Hin nyaadhu” jedhee dide.
24Dubartiin sunis dibicha gabbifame tokko manaa qabdi turte; isheenis yeroodhuma sana qalte. Daakuu xinnoo fuutee sukkuumtee buddeena raacitii hin qabne tolchite.
25Isheenis Saaʼolii fi namoota isaatiif dhiʼeessite; isaanis ni nyaatan. Halkanuma sanas achii kaʼanii deeman.