1Ilmaan Yisaakor:
2Ilmaan Toolaa:
3Ilma Uzii:
4Isaanis waan niitotaa fi ijoollee hedduu qabaataniif akka hidda dhaloota maatii isaaniitti namoota lolaaf qophaaʼan 36,000 qabu ture.
5Firoonni loltoota jajjaboo turan kanneen balbalawwan Yisaakorii keessaa dhalatan warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffaman walumatti nama 87,000:
6Ilmaan Beniyaam sadan:
7Ilmaan Belaa:
8Ilmaan Beker:
9Hangafoota mana abbootii isaanii kanneen akka dhaloota isaaniitti hidda dhaloota isaaniitiin lakkaaʼaman gootota jajjaboo 20,200 turan.
10Ilmi Yediiʼeel:
11Ilmaan Yediiʼeel kunneen hundi hangafoota maatiiwwanii turan. Isaanis namoota waraana dhaquuf qophaaʼan 17,200 qaban ture.
12Gosti Shufiimiitii fi Hufiim ilmaan Iiri turan; Hushiim immoo ilma Aheerii ti.
13Ilmaan Niftaalemii:
14Ilmaan Minaasee:
15Maakiir immoo gosoota Hufiimiitii fi Shufiim keessaa niitii fuudhe. Maqaan obboleettii isaas Maʼakaa ture. Sanyiin isaa kan biraa immoo Salphaʼaad jedhama; Zelofehaad intallan qofa qaba ture.
16Maʼakaan niitiin Maakiirii ilma deessee maqaa isaa Phereesh jettee moggaafte. Obboleessi isaa Sheresh jedhama; ilmaan isaa immoo Uulaamii fi Reqem jedhaman.
17Ilmi Uulaam:
18Hamolekeeti obboleettiin isaa Iisihood, Abiiʼezerii fi Mahilaa deesse.
19Ilmaan Shemiidaa immoo:
20Ilmaan Efreem:
21ilma isaa Zaabaadii,
22Efreem abbaan isaanii guyyaa hedduu booʼeef; firoonni isaas isa jajjabeessuu dhufan.
23Sana booddees dhaqee niitii isaa wajjin ciise; isheenis ulfooftee ilma deesse. Innis sababii maatii isaa keessa rakkinni tureef Beriiyaa jedhee maqaa baaseef.
24Intalli isaa immoo Sheeraa jedhamti; namni magaalaawwan Beet Horoonii kan gad aanuu fi kan ol aanu, akkasumas magaalaa Uzeen Sheeraa hundeesse ishee dha.
25Refaa ilma isaa, Resheef ilma isaa,
26Laʼadaan ilma isaa, Amiihuud ilma isaa,
27Nuuni ilma isaatii fi
28Biyyoonnii fi ardaan qubata isaaniis Beetʼeelii fi gandoota naannoo ishee, karaa baʼa biiftuutiin Naʼaraan, karaa lixa biiftuutiin immoo Geezirii fi gandoota ishee akkasumas Sheekemii fi gandoota ishee kanneen hamma Ayyaa fi gandoota isheetti jiran qabata ture.
29Daariiwwan Minaasee irra Beet Sheʼaan, Taʼanaak, Megidoo fi Dooritu gandoota isaanii wajjin ture. Sanyiiwwan Yoosef ilma Israaʼel sanaas magaalaawwan kanneen keessa jiraatan.
30Ilmaan Aasheer:
31Ilmaan Beriiyaa:
32Hebeer immoo abbaa Yaafleexii, Shomeerii, Hootaamiitii fi obboleettii isaanii Shuuʼaa ti.
33Ilmaan Yaafleex:
34Ilmaan Shemeer:
35Ilmaan obboleessa isaa Heelem:
36Ilmaan Zoofaa:
37Bezer, Hoodi, Shamaa, Shilshaa, Yitraanii fi Biʼeeraa.
38Ilmaan Yeteer:
39Ilmaan Ulaa:
40Isaan kunneen hundi gosoota Aasheerii turan; isaanis hangafoota maatiiwwanii, namoota filatamoo, loltoota jajjaboo fi bulchitoota bebbeekamoo turan. Akka galmee hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti namoonni isaanii kanneen dandeettii waraanaa qaban 26,000 turan.