We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

1 Seenaa 4

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← 1 Seenaa 3 1 Seenaa 1 Seenaa 5 →

1Ilmaan Yihuudaa:

2Reʼaayaan ilmi Sobaal abbaa Yahaatiiti; Yahaati immoo abbaa Ahuumaayii fi Laahadii ti. Isaan kunneen balbalawwan Zoraatotaa ti.

3Ilmaan Eexaam kanneenii dha:

4Phenuuʼeel abbaa Gedoor; Eezer immoo abbaa Huushaam.

5Ashihuur abbaan Teqooʼaa niitota lama kanneen Heelaa fi Naʼaraa jedhaman qaba ture.

6Naʼaraan ilmaan Ahuzaam, Heefer, Teemenii fi Haaʼahashitaar jedhaman deesseef. Ilmaan Naʼaraa isaan kanneen turan.

7Ilmaan Heelaa:

8Qoosi abbaa Anuub, abbaa Hazobeebaa fi abbaa balbalawwan Ahariheel ilma Haaruumiti.

9Yaabeex nama obboloota isaa caalaa ulfina qabu ture; haatii isaa, “Ani dhiphinaanan isa daʼe” jettee Yaabeex jettee isa moggaafte.

10Yaabeex immoo akkana jedhee Waaqa Israaʼelitti iyyate; “Ati na eebbisi; biyya koos naaf balʼisi! Akka ani hin miidhamnee fi akka ani dhiphina jalaa baʼuuf harki kee na wajjin haa jiraatu.” Waaqnis waan inni kadhate sana ni kenneef.

11Kiluub obboleessi Shuhaa abbaa Mihiirii ti; Mehiir immoo abbaa Eshitooniti.

12Eshitoonis abbaa Beet Raafaan, abbaa Faasehaa fi Tehiinaa ti; Tahiinaan immoo abbaa Iir Naahaashii ti. Isaan kunneen namoota Reekaa ti.

13Ilmaan Qenaz:

14Meʼoonotaayi abbaa Ofraa ti.

15Ilmaan Kaaleb ilma Yefunee:

16Ilmaan Yehaleliʼeel:

17Ilmaan Izraa:

18Niitiin isaa dubartiin Yihuudaa sunis Yaared abbaa Gedoor, Hebeer abbaa Sookooniitii fi Yequutiiʼeel abbaa Zaanoʼaa deesse.

19Ilmaan niitiin Hoodiyaa obboleettiin Naham sun deesse:

20Ilmaan Simiʼoon:

21Ilmaan Sheelaa ilma Yihuudaa:

22Yooqiim, namoota Koozeebaa, Yooʼaashii fi Saaraaf isa Moʼaabii fi Yaashubiileheem bulchu. Barreeffamni kunneenis kan bara durii ti.

23Isaanis suphee dhooftuu Nexaayiimii fi Gedeeraa keessa jiraatan turan; jarri kun mootichaaf hojjechaa achi jiraatu ture.

24Ilmaan Simiʼoon:

25Shaluum ilma Saaʼuul ture; Mibsaam ilma Shaluumiti; Mishmaa immoo ilma Mabsaamiti.

26Ilmaan Mishmaa:

27Shimeʼiin ilmaan kudha jaʼaa fi intallan jaʼa qaba ture; obboloonni isaa garuu ijoollee hedduu hin qaban ture; sababii kanaaf balbalawwan isaanii hundinuu akka gosa Yihuudaa baayʼee hin turre.

28Isaanis Bersheebaa, Molaadaa, Hazar Shuuʼaal,

29Bilihaa, Ezem, Toolaad,

30Betuuʼeel, Hormaa, Siiqlaag,

31Beet Markaabot, Hazar Susiim, Beet Biirii fi Shaʼarayiim keessa jiraatan. Magaalaawwan kunneen hamma bara mootummaa Daawitiitti magaalaawwan isaanii turan.

32Akkasumas gandoota Eexaam, Ayin, Reemoon, Tookkenii fi Ashaan jechuunis magaalaa shananii fi

33gandoota naannoo isaaniitti argaman hunda keessa hamma Baʼaaliitti jiraatu ture.

34Meshoobaab, Yamleek,

35Yooʼeel,

36akkasumas Eliiyooʼeenayi, Yaaʼiqoobaa, Yashoohayaa,

37Ziizaa ilma Shiifii, ilma Aloon, ilma Yedaayaa, ilma Shimrii, ilma Shemaaʼiyaa.

38Namoonni maqaan isaanii kanaa olitti himame kunneen hooggantoota balbala isaanii turan.

39isaanis bushaayee isaaniitiif lafa dheedaa barbaacha hamma moggaa Gedoor kan gama baʼa sululaa jiru sanaatti deeman.

40Isaanis naannoo sanatti lafa dheedaa gabbataa fi gaarii argatan; lafni sunis balʼaa, kan nagaa fi tasgabbii qabu ture. Bara durii gosoonni Haamii naannoo sana jiraachaa turan.

41Namoonni maqaan isaanii dhaʼame kunneen bara Hisqiyaas mootii Yihuudaa ture keessa dhufan. Isaan akkuma hamma harʼaatti illee mulʼatu qubata Kaamotaatii fi Meʼuunoota achi jiraachaa turanii dhaʼanii guutumaan guutuutti isaan barbadeessan. Ergasiis sababii lafa dheedaa balʼaa bushaayee isaaniitiif argataniif lafa jaraa irra ni qubatan.

42Simiʼoonota kanneen keessaa namoonni dhibba shan ilmaan Yishiʼii Phelaatiyaa, Naʼaariyaa, Refaayaa fi Uziiʼeel hoogganamanii biyya gaaraa Seeʼiir weeraran.

43Isaanis Amaaleqoota miliqanii hafan balleessanii hamma harʼaatti achuma jiraatan.

← 1 Seenaa 3 1 Seenaa 1 Seenaa 5 →