1Daadhiin wayinii nama qoostuu, dhugaatiin cimaan immoo waccuu nama godha;
2Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti;
3Lola irraa fagaachuun ulfina;
4Dhibaaʼaan yeroodhaan hin qotatu;
5Yaadni qalbii namaa akkuma bishaan gad fagoo ti;
6Namni hedduun akka jaalala hin dhumne qabu dubbata;
7Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata;
8Mootiin tokko yeroo murtii kennuuf teessoo isaa irra taaʼutti,
9Eenyutu, “Ani garaa koo qulqulleeffadheera;
10Madaalii jalʼaa fi safartuu jalʼaa
11Mucaan xinnaan iyyuu amalli isaa qulqulluu fi
12Gurra dhagaʼuu fi ija argu,
13Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin;
14Namni waa bitatu, “Wanni kun gaarii miti; wanni kun gaarii miti!” jedha;
15Warqeen ni jira; lulli diimaanis baayʼinaan jira;
16Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu;
17Nyaanni gowwoomsaadhaan argame namatti miʼaawa;
18Gorsaan karoora baafadhu;
19Hamattuun icciitii baafti;
20Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare,
21Dhaalli jalqabumatti dafee argame
22Ati, “Yakka ati hojjette kanaaf ani gatii kee siifin kenna!” hin jedhin;
23Waaqayyo madaalii jalʼaa ni balfa;
24Adeemsi namaa Waaqayyoon qajeelfama.
25Namni utuu itti hin yaadin, “Wanni kun Waaqaaf qulqulleeffameera” jedhee
26Mootiin ogeessi hamoota gingilchee addaan baasa;
27Ibsaan Waaqayyoo hafuura namaa sakattaʼa;
28Jaalallii fi amanamummaan mootii tokko nagaan jiraachisu;
29Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti;
30Abootteen nama madeessu hammina nama irraa qulqulleessa;