1Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata;
2Namni gaariin Waaqayyo biratti fudhatama argata;
3Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu;
4Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha;
5Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha;
6Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuuf riphee nama eeggata;
7Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman;
8Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama;
9Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko,
10Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada;
11Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata;
12Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu;
13Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama;
14Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama;
15Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata;
16Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama;
17Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna;
18Dubbiin of eeggannaa hin qabne akkuma goraadee nama waraana;
19Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata;
20Garaa warra waan hamaa malatanii keessa gowwoomsaatu jira;
21Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu;
22Waaqayyo arraba sobu ni jibba;
23Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata;
24Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa;
25Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa;
26Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa;
27Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu;
28Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira;