We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Lakkoobsa 26

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Lakkoobsa 25 Lakkoobsa Lakkoobsa 27 →

1Dhaʼicha sana booddee Waaqayyo Musee fi Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaatiin akkana jedhe;

2“Waldaa saba Israaʼel warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi hammasii ol taʼe kanneen loltoota Israaʼel keessa tajaajiluu dandaʼan hunda maatii maatiidhaan lakkaaʼaa.”

3Musee fi Eleʼaazaar lubichi dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti akkana jedhanii isaan wajjin dubbatan;

4“Akkuma Waaqayyo Musee ajajetti namoota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii lakkaaʼaa.”

5Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa:

6karaa Hezrooniitiin, balbala Asroonotaa;

7Jarri kunneen balbalawwan Ruubeen; baayʼinni isaaniis 43,730 ture.

8Ilmi Faluus Eliiyaab;

9ilmaan Eliiyaabis Nemuuʼeel, Daataanii fi Aberoon. Daataanii fi Abiiraam kunneen qondaaltota waldaa kanneen Musee fi Aroonitti fincilanii dha; isaan yeroo Qooraahii fi duukaa buutonni isaa Waaqayyotti fincilan sanas achi keessa turan.

10Laftis afaan banattee Qooraahii fi isaan illee liqimsite; warri garee Qooraahi immoo yeroo ibiddii namoota 250 fixe sana dhuman. Isaanis mallattoo namoonni ittiin of eeggatan taʼan.

11Ilmaan Qooraahi garuu hin duune.

12Ilmaan Simiʼoon akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

13karaa Zeraan, balbala Zerootaa;

14Jarri kunneen balbalawwan Simiʼoonii ti; isaanis namoota 22,200 turan.

15Ilmaan Gaad akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

16karaa Oznii, balbala Oznootaa;

17karaa Arood, balbala Aroodotaa;

18Jarri kunneen balbalawwan Gaadii ti; baayʼinni isaaniis 40,500 ture.

19Eerii fi Oonaan ilmaan Yihuudaa ti; isaan garuu Kanaʼaan keessatti duʼan.

20Ilmaan Yihuudaa akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

21Ilmaan Faaresis kanneenii dha:

22Jarri kunneen balbalawwan Yihuudaa ti; baayʼinni isaaniis 76,500 ture.

23Ilmaan Yisaakor akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

24karaa Yaashuub, balbala Yaashuubotaa;

25Jarri kunneen balbalawwan Yisaakor; baayʼinni isaaniis 64,300 ture.

26Ilmaan Zebuuloon akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

27Jarri kunneen balbalawwan Zebuuloon; baayʼinni isaaniis 60,500 ture.

28Ilmaan Yoosef akkuma balbala balbala isaaniitti: Minaasee fi Efreem.

29Ilmaan Minaasee:

30Ilmaan Giliʼaad isaan kanneenii dha:

31karaa Asriʼeel, balbala Asriiʼeelotaa,

32karaa Shemiidaa, balbala Shemiidaa;

33Zelofehaad ilmi Heefer ilmaan hin qabu ture; inni intallan qofa qaba ture; maqaan isaaniis Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa dha.

34Jarri kunneen balbalawwan Minaasee ti; baayʼinni isaaniis 52,700 ture.

35Ilmaan Efreem akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

36Ilmaan Shuutelaa isaan kanneenii dha:

37Jarri kunneen balbalawwan Efreem; baayʼinni isaaniis 32,500 ture.

38Ilmaan Beniyaam akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

39karaa Shefuufaami, balbala Shefuufaamotaa;

40Ilmaan Belaa, karaa Ardii fi Naʼamaan:

41Jarri kunneen balbalawwan Beniyaam; baayʼinni isaaniis 45,600 ture.

42Ilmaan Daan akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

43Isaan hundinuu balbalawwan Shuuhaamotaa ti; baayʼinni isaaniis 64,400 ture.

44Ilmaan Aasheer akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

45karaa ilmaan Beriiyaa immoo:

46Aasheer intala Seraa jedhamtu tokko qaba ture.

47Jarri kunneen balbalawwan Aasheer; baayʼinni isaaniis 53,400 ture.

48Ilmaan Niftaalem akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

49karaa Yeexer, balbala Yeexirotaa;

50Jarri kunneen balbalawwan Niftaalem; baayʼinni isaaniis 45,400 ture.

51Walumaa galatti baayʼinni dhiira Israaʼel 601,730 ture.

52Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;

53“Biyyi sun akkuma baayʼina maqaa namaatti dhaala taʼee isaan kanneeniif haa qoodamu.

54Balbala guddaadhaaf dhaala guddaa, balbala xinnaadhaaf immoo dhaala xinnaa kenni; tokkoon tokkoon balbalaa akkuma baayʼina namoota galmeeffamaniitti dhaala isaa haa argatu.

55Garuu biyyi sun ixaadhaan haa qoqoodamtu. Isaanis akkuma maqaawwan gosoota abbootii isaaniitti ni dhaalu.

56Tokkoon tokkoon dhaala sanaa garee guddaa fi garee xinnaa gidduutti ixaadhaan haa qoodamu.”

57Lewwonni balbala balbalaan lakkaaʼaman kanneenii dha:

58Jarri kunneenis balbalawwan Lewwotaa ti:

59maqaan niitii Amraam Yookebeed. Isheen intala Lewwii kan biyya Gibxitti Lewwiif dhalattee dha. Amraamiifis Aroon, Musee fi obboleettii isaanii Miiriyaam deesse.

60Aroon abbaa Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar.

61Naadaabii fi Abiihuu garuu yeroo ibidda hin eeyyamamin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan sana duʼan.

62Dhiironni umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii ol taʼe kanneen lakkaaʼaman hundi 23,000 turan. Isaanis sababii gidduu isaaniitti dhaala hin argatiniif Israaʼeloota kaan wajjin hin lakkaaʼamne.

63Isaan kunneen warra yeroo Musee fi Eleʼaazaar lubichi dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Israaʼeloota lakkaaʼan sana lakkaaʼamanii dha.

64Namoota karaa Museetii fi Aroon lubichaan Gammoojjii Siinaa keessatti lakkaaʼaman keessaa namni tokko iyyuu isaan gidduu hin turre.

65Sababii Waaqayyo waaʼee isaanii, “Isaan Gammoojjii keessatti ni dhumu” jedhee dubbatee tureef, Kaaleb ilma Yefunee fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafne.

← Lakkoobsa 25 Lakkoobsa Lakkoobsa 27 →