1Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraatu sun akka Israaʼel karaa Ataariim irra dhufaa jiru dhageenyaan Israaʼeloota lolee isaan keessaa nama tokko tokko boojiʼe.
2Israaʼeloonnis, “Yoo ati saba kana dabarsitee harka keenyatti kennite, nu guutumaan guutuutti magaalaa isaanii barbadeessina” jedhanii Waaqayyoof wareegan.
3Waaqayyos iyya Israaʼel dhagaʼee warra Kanaʼaan dabarsee harka isaaniitti kenne. Israaʼeloonnis isaanii fi magaalaawwan isaanii illee guutumaan guutuutti barbadeessan; kanaafuu iddoon sun Hormaa jedhamee waamame.
4Isaanis Edoom duubaan darbanii deemuuf jedhanii Gaara Hoorii kaʼanii karaa Galaana Diimaatti geessu irra qajeelan. Sabni sun garuu karumatti obsa fixate;
5isaanis Waaqaa fi Museedhaan mormanii akkana jechuudhaan dubbatan; “Isin maaliif akka gammoojjii keessatti dhumnuuf biyya Gibxii nu baaftan? Buddeenni hin jiru! Bishaan hin jiru! Nus nyaata balfamaa kana jibbineerra!”
6Waaqayyos bofawwan hadhaa qaban gidduu isaaniitti erge; bofawwan sunis isaan iddanii Israaʼeloonni baayʼeen dhuman.
7Sabni sunis gara Musee dhufee akkana jedhe; “Nu yeroo Waaqayyoo fi sitti afaan dabarre sana cubbuu hojjenne. Akka Waaqayyo bofawwan kanneen nurraa fageessuuf nuuf kadhadhu.” Museen saba sanaaf kadhate.
8Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Bofa tokko tolchiitii utubaatti fannisi; namni bofni idde kam iyyuu bofa ati tolchite sana ilaalee jiraachuu dandaʼa.”
9Museen bofa naasii tokko tolchee utubaatti fannise. Ergasiis namni bofti idde kam iyyuu yeroo bofa naasii sana ilaalu ni jiraata ture.
10Israaʼeloonni fuula duratti qajeelanii Oobooti keessa qubatan.
11Ergasiis Oobootii kaʼanii Iyyee Abaariim lafa karaa baʼa biiftuutiin fuullee Moʼaabitti gammoojjii keessatti argamu qubatan.
12Achiis kaʼanii Sulula Zered keessa qubatan.
13Achii kaʼaniis daarii Arnoon lafa gammoojjii keessaa kan bulchiinsa Amoorotaa keessa seentu sana irra qubatan. Arnoon lafa daarii Moʼaab irraa kan Moʼaabii fi Amoor gidduu jirtuu dha.
14Sababiin Kitaabni Waraana Waaqayyoo akkana jedhuuf kana:
15irraan-gadee sululaa
16Achii kaʼanii gara Biʼeer boolla bishaanii kan Waaqayyo Museedhaan, “Saba walitti qabi; ani bishaan kennaafii” jedhe sanaa karaa isaanii itti fufan.
17Israaʼelis faarfannaa kana faarfate:
18Boolla bishaanii ilmaan mootii qotan,
19Mataanaadhaa kaʼanii Nahaaliʼeel dhaqan; Nahaaliʼeelii kaʼanii Baamooti dhaqan;
20Baamootii immoo kaʼanii sulula Moʼaab, iddoo itti fiixeen Phisgaa gammoojjiitti garagaltu qubatan.
21Israaʼelis Sihoon mooticha Amoorotaatiin akkana jechuuf ergamoota ergate:
22“Akka nu biyya kee keessaan darbinu nuuf eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokkotti iyyuu hin gorru yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo illee hin dhugnu. Nu hamma biyya kee keessaa baanutti karaa mootichaa irra yaana.”
23Sihoon garuu akka Israaʼel biyya isaa keessa baʼee darbu hin eeyyamne. Innis loltoota ofii guutuu walitti qabatee Israaʼelin loluuf gammoojjiitti gad baʼe. Yommuu Yaahazi gaʼettis Israaʼeliin wal lole.
24Israaʼel garuu goraadeedhaan isa ajjeesee Arnoonii jalqabee hamma Yaaboq gaʼutti biyya isaa qabate; garuu sababii dallaan daangaa Amoorotaa jabaa tureef inni hamma daangaa Amoonotaa qofatti deemuu dandaʼe.
25Israaʼelis magaalaawwan Amoorotaa hunda, Heshboonii fi qubatawwan naannoo ishee jiran hunda qabatee keessa qubate.
26Heshboon kun magaalaa Sihoon mootii Amoorotaa isa mooticha Moʼaab kan duraa lolee biyya isaa hunda hamma Arnoonitti irraa fudhate sanaa ture.
27Sababiin weellistoonni akkana jedhaniif kana:
28“Heshboon keessaa ibiddi,
29Yaa Moʼaab, siif wayyoo!
30“Nu garuu isaan garagalchineerra;
31Akkasiin Israaʼel biyya Amoor keessa qubate.
32Museen Yaʼizeeritti basaastota erge; isaanis qubatawwan naannoo ishee qabatanii Amoorota achi keessa jiraachaa turan ariʼanii baasan.
33Isaanis ergasii deebiʼanii karaa Baashaan qabatanii ol baʼan; Oogi mootichi Baashaaniitii fi loltoonni isaa guutuun Edreyiitti isaaniin wal loluuf itti gad baʼan.
34Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sababii ani guutuu loltoota isaatii fi biyya isaa illee dabarsee harka keetti kenneef isa hin sodaatin. Waanuma Sihoon mootiin Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sana goote isa illee godhi.”
35Isaan isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa hunda utuu nama tokko illee hin hambisiniif dhaʼanii biyya isaa illee irraa fudhatan.