We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Ibroota 1

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

Ibroota Ibroota 2 →

1Bara durii Waaqni yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin raajotaan abbootii keenyatti dubbatee ture;

2bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume.

3Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe.

4Akkuma maqaan inni dhaale sun kan ergamootaa caalaa guddaa taʼe sana innis ergamoota caalaa guddaa dha.

5Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin,

6Akkasumas Waaqni yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti,

7Yommuu waaʼee ergamootaa dubbatus,

8Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha;

9Ati qajeelummaa jaallatte; jalʼina immoo ni jibbite;

10Akkasumas inni akkana jedha;

11Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta;

12ati akkuma wayyaatti isaan marta;

13Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin,

14Ergamoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?

Ibroota Ibroota 2 →