We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Luqaas 3

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Luqaas 2 Luqaas Luqaas 4 →

1Xibeeriyoos Qeesaar moʼee waggaa kudha shanaffaatti jechuunis yommuu Phonxoos Phiilaaxoos bulchaa Yihuudaa turetti, Heroodis bulchaa Galiilaa ture; obboleessi isaa Fiiliphoos bulchaa Ixuriyaasii fi Xiraakonitiis, Lisaaniiyaas immoo bulchaa Abileeniis turan;

2yeroo sana Haannaasii fi Qayyaaffaan luboota ol aantota turan. Dubbiin Waaqaa gammoojjii keessatti gara Yohannis ilma Zakkaariyaas dhufe.

3Innis dhiifama cubbuutiif cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa biyya naannoo Yordaanos hunda keessa deeme.

4Kunis isa kitaaba dubbii Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha:

5Sululli hundi ni guutama;

6Sanyiin namaa hundinuus fayyisuu Waaqaa ni arga.’ ”3:6 Isa 40:3‑5

7Yohannisis warra harka isaatti cuuphamuuf dhufaniin akkana jedhe; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime?

8Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu hin jalqabinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii.

9Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.”

10Namoonni sunis, “Yoos maal haa goonuu ree?” jedhanii isa gaafatan.

11Yohannisis deebisee, “Namni uffata lama qabu isa homaa hin qabneef haa qoodu; kan nyaata qabus akkasuma haa godhu” jedheen.

12Qaraxxoonni cuuphamuu dhufanii, “Yaa barsiisaa, nu hoo maal haa goonu?” jedhanii isa gaafatan.

13Innis, “Waan ajajamtan caalaa walitti hin qabinaa” jedheen.

14Loltoonnis akkasuma, “Nu immoo maal haa goonu ree?” jedhanii isa gaafatan.

15Namoonni sun hawwiidhaan eegaa turan; hundi isaaniis, “Yohannis kun inni Kiristoos3:15 yookaan Masiihicha taʼinnaa laata?” jedhanii garaa isaaniitti yaadaa turan.

16Yohannis akkana jedhee isaan hundaaf deebii kenne; “Ani bishaaniin isin cuupha. Garuu kan na caalaa jabaa taʼe tokko ni dhufa; ani hidhaa kophee isaa illee hiikuun naaf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha.

17Innis oobdii isaa qulqulleessee gombisaa isaatti qamadii galfachuudhaaf afarsaan isaa harka isaa jira; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.”

18Yohannisis dubbii biraa baayʼeedhaan namoota gorsee wangeelas isaanitti lallabe.

19Heroodis bulchaan garuu yommuu sababii inni niitii obboleessa isaa Heroodiyaas fuudhee fi sababii hammina inni hojjetee ture kaan hundaatiif Yohannis isa ifate,

20hammina isaa hunda irratti dabalee Yohannisin mana hidhaatti galchee itti cufe.

21Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Yesuusis ni cuuphame. Utuu inni kadhachaa jiruu samiin banamee,

22Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee isa irratti gad buʼe. Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa ni dhufe.

23Yesuus yeroo tajaajila isaa jalqabetti umuriin isaa gara waggaa soddomaa ture. Innis akka waan ilma Yoosef tureetti yaadamaa ture:

24ilma Maataat,

25ilma Maataatiyaas, ilma Amoos,

26ilma Maaʼat,

27ilma Yoonaan, ilma Resaa,

28ilma Melkii,

29ilma Iyyaasuu, ilma Eliiʼezer,

30ilma Simiʼoon,

31ilma Meeleyaa, ilma Mennaa,

32ilma Isseey,

33ilma Amiinaadaab, ilma Aaraam,

34ilma Yaaqoob,

35ilma Seruug, ilma Reʼuu,

36ilma Qaayinaam

37ilma Matuuselaa, ilma Henook,

38ilma Enoos,

← Luqaas 2 Luqaas Luqaas 4 →