We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Iyyaasuu 12

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Iyyaasuu 11 Iyyaasuu Iyyaasuu 13 →

1Warri Kunneen mootota Israaʼeloonni moʼatanii biyyoota isaanii jechuunis gama baʼa Arabbaa hunda dabalatee, baʼa Yordaanos, Sulula Arnooniitii hamma Tulluu Hermoonitti irraa fudhatanii dha:

2Sihoon mootiin Amoorotaa,

3Akkasumas baʼa Arabbaa Galaana Kinereetiitii jalqabee hamma Galaana Arabbaa yookaan Galaana Soogiddaatti, hamma Beet Yashiimootitti, achii immoo karaa Kibbaatiin hamma tabba Phisgaatti bulchaa ture.

4Oogi mootichi Baashaan kan sanyii Refaayim keessaa isa dhumaa taʼe sun Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture.

5Innis Tulluu Hermoon, Salkaa, guutummaa Baashaan hamma Geshuurotaattii fi Maʼakaataatti, walakkaa Giliʼaad immoo hamma daangaa Sihoon mooticha Heshboonitti bulchaa ture.

6Museen garbichi Waaqayyootii fi Israaʼeloonni isaan moʼatan. Museen garbichi Waaqayyoo biyya isaanii Ruubeenotaaf, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhee kenne.

7Mootonni biyya Iyyaasuu fi Israaʼeloonni Yordaanosiin gama lixa biiftuutti moʼatanii kanneenii dha: biyyi isaaniis Baʼaal Gaad Sulula Libaanoon keessa jirtu sanaa jalqabee hamma Tulluu Halaaq kan gara Seeʼiir lafa Iyyaasuun akkuma gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne sanaatti ol kaʼuu dha.

8Biyyoonni kunneenis biyya gaaraa, biyya karaa lixaa, Arabbaa, tabba tulluu, lafa alootii fi Negeebi jechuunis biyyoota Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa ti.

9Mootii Yerikoo, tokko

10mootii Yerusaalem, tokko

11mootii Yarmuut, tokko

12mootii Egloon, tokko

13mooticha Debiir, tokko

14mootii Hormaa, tokko

15mootii Libnaa, tokko

16mootii Maqeedaa, tokko

17mootii Tafuuʼaa, tokko

18mootii Afeeq, tokko

19mootii Maadoon, tokko

20mootii Shimroon Meroon, tokko

21mootii Taʼanaak, tokko

22mootii Qaadesh, tokko

23mootii Door kan tabba Door irra jiraatu, tokko

24mootii Tiirzaa, tokko.

← Iyyaasuu 11 Iyyaasuu Iyyaasuu 13 →