We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Ermiyaas 22

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Ermiyaas 21 Ermiyaas Ermiyaas 23 →

1Waaqayyo akkana jedha: “Gara masaraa Mootii Yihuudaatti gad buʼiitii akkana jedhii ergaa kana achitti labsi;

2‘Yaa Mootii Yihuudaa, ati kan teessoo Daawit irra teessu, ati, qondaaltonni keetii fi sabni kee warri karra kanaan ol galtan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.

3Waaqayyo akkana jedha: Waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjedhaa. Nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa. Alagaatti, ijoollee abbaa hin qabnetti yookaan haadha hiyyeessaatti daba yookaan jalʼina hin hojjetinaa; dhiiga nama balleessaa hin qabnees iddoo kanatti hin dhangalaasinaa.

4Yoo isin ajajawwan kanneen sirriitti eegdan mootonni teessoo Daawit irra taaʼan, qondaaltotaa fi saba isaanii wajjin gaarii moototaatii fi fardeen yaabbatanii karrawwan masaraa mootummaa kanaan ol galu.

5Yoo isin ajajawwan kanneen eeguu baattan garuu akka masaraan mootummaa kun barbadeeffamu ani maqaa kootiin kakadheera, jedha Waaqayyo.’ ”

6Waaqayyo waaʼee masaraa mootii Yihuudaa akkana jedhaatii:

7Ani balleessitoota tokkoon tokkoon isaanii

8“Namoonni biyya hedduus yommuu magaalaa kana biraan darbanitti, ‘Waaqayyo maaliif magaalaa guddaa kanatti waan akkanaa fide?’ jedhanii wal gaafatu.

9Isaanis, ‘Sababii isaan kakuu Waaqayyo Waaqa isaanii dhiisanii waaqota biraa waaqeffatanii tajaajilaniifii dha’ jedhanii deebisu.”

10Isin nama duʼeef hin booʼinaa yookaan hin gaddinaa;

11Waaqayyo waaʼee Shaluum ilma Yosiyaas kan qooda abbaa isaa mootii Yihuudaa taʼee garuu iddoo kanaa deeme sanaa akkana jedhaatii: “Inni gonkumaa hin deebiʼu.

12Inni iddoo boojiʼamee itti geeffame sanatti duʼa; biyya kanas lammaffaa hin argu.”

13“Nama ollaa isaa utuu gatii humna isaa hin kenniniif

14Inni, ‘Ani masaraa guddaa tokko,

15“Birbirsa hedduu qabaachuun kee mootii si taasisaa?

16Inni hiyyeeyyii fi rakkattootaaf ni falme;

17Iji keetii fi garaan kee garuu

18Kanaafuu Waaqayyo waaʼee Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa, ilma Yosiyaas akkana jedha:

19Inni awwaala harree argata,

20“Libaanoonitti ol baʼii iyyi;

21Ani yeroo ati nagaa qabdutti si akeekkachiiseen ture;

22Tiksoota kee hunda bubbeen fudhatee sokka;

23Ati kan Libaanoon keessa jiraattu,

24“Akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe” jedha Waaqayyo; “Yaa Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa, ilma Yehooyaaqiim, yoo ati qubeelaa chaappaa harka koo mirgaa taatee illee ani baaseen si gata.

25Ani warra lubbuu kee galaafachuu barbaadanitti, warra ati sodaattu jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonii fi Baabilonotatti dabarsee sin kenna.

26Ani siʼii fi haadha si deesse biyya biraatti, biyya tokkoon keessan iyyuu itti hin dhalatinitti isin nan darbadhaa; isin lachuu achitti duutu.

27Isin biyya itti deebiʼuu hawwitanitti gonkumaa hin deebitan.”

28Yehooyaakiin kun nama akkuma okkotee cabaa tuffatame,

29Yaa lafaa, yaa lafaa, yaa lafaa,

30Waaqayyo akkana jedha:

← Ermiyaas 21 Ermiyaas Ermiyaas 23 →