We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Ermiyaas 18

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Ermiyaas 17 Ermiyaas Ermiyaas 19 →

1Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:

2“Kaʼiitii gara mana namicha suphee dhaʼu sanaa dhaqi. Anis achitti dubbii koo sitti nan hima.”

3Kanaafuu ani gara mana namicha suphee dhaʼu sanaatti gad nan buʼe; innis geengoo irratti waa hojjechaa ture.

4Okkoteen inni suphee irraa hojjechaa ture sun garuu harka isaatti fashalaaʼe; kanaafuu namichi suphee dhaʼu sun akkuma itti toletti suphee sanaan okkotee kan biraa hojjete.

5Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:

6“Yaa mana Israaʼel, anis akkuma suphee dhooftuun kun hojjetu isin gochuu hin dandaʼuu?” jedha Waaqayyo. “Yaa mana Israaʼel, akkuma supheen harka suphee dhooftuu keessa jiru isinis harka koo keessa jirtu.

7Yeroo ani akka sabni yookaan mootummaan tokko buqqifamu, gargar qoodamuu fi barbadeeffamu labsutti,

8yoo sabni ani akeekkachiise sun hammina isaa irraa deebiʼe, ani waan hamaa isatti fiduuf yaade sana irraa nan deebiʼa.

9Yoo ani yeroo biraa immoo akka sabni yookaan mootummaan tokko ijaaramee dhaabamu labse,

10yoo inni fuula koo duratti waan hamaa hojjetee anaaf ajajamuu dide, ani waan gaarii isaaf gochuu barbaade sana nan dhiisa.

11“Kanaafuu amma saba Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraataniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kunoo! Ani badiisa isiniif qopheesseen mala isinitti karoorsaa jira. Kanaafuu tokkoon tokkoon keessan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa.’

12Isaan garuu akkana jedhanii deebii kennan: ‘Kun faayidaa hin qabu. Nu karooruma keenyaan itti fufna; tokkoon tokkoon keenya mata jabinaa fi hammina garaa keenyaa duukaa buuna.’ ”

13Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha:

14Cabbiin Libaanoon

15Sabni koo garuu na irraanfateera;

16Biyyi isaanii ni ona;

17Akkuma bubbee baʼa biiftuutii dhufuu,

18“Jarris, ‘Seerri luba biraa, gorsi ogeeyyii biraa, dubbiin immoo raajota biraa waan hin dhabamneef kottaa Ermiyaasitti mariʼannaa; kanaafuu kottaa nu arraba keenyaan isa miinaa; waan inni dubbatu kam iyyuus hin fudhannu’ ” jedhan.

19Yaa Waaqayyo, na dhaggeeffadhu;

20Gatiin waan gaarii waan hamaadhaa?

21Kanaafuu ati ijoollee isaanii dabarsii beelatti kenni;

22Yeroo ati akkuma tasaa weeraartoota isaanitti fiddutti,

23Yaa Waaqayyo, ati garuu mala isaan na ajjeesuuf

← Ermiyaas 17 Ermiyaas Ermiyaas 19 →