1Dhugumaan harki Waaqayyoo fayyisuuf gabaabaa miti;
2Yakki keessan garuu Waaqa keessaniin
3Harki keessan dhiigaan,
4Namni murtii qajeelaa barbaadu hin jiru;
5Isaan hanqaaquu buutii yaasan; manʼee sariitii foʼan.
6Foʼaan isaanii uffata hin taʼu;
7Miilli isaanii gara cubbuutti fiiga;
8Isaan karaa nagaa hin beekan;
9Kanaafuu murtiin qajeelaan nurraa fagaateera;
10Nu akkuma jaamaa dallaa qaqqabachaa deemna;
11Nu hundi akka amaaketaa gururiina;
12Yakki keenya fuula kee duratti baayʼateeraatii;
13nu fincillee Waaqayyoon sobne;
14Kanaafuu murtii qajeelaan duubatti deebifameera;
15Dhugaan eessumattuu hin argamu;
16Inni akka namni tokko iyyuu hin jirre arge;
17Qajeelummaa akka gaachana qomaatti kaaʼatee
18Kanaafuu inni akkuma hojii isaaniitti,
19Namoonni lixa biiftuu maqaa Waaqayyoo sodaatu;
20“Furaan gara Xiyoon, gara warra mana Yaaqoob keessaa
21“Gama kootiin kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana” jedha Waaqayyo. “Hafuurri koo kan sirra jiru, dubbiin koo kan ani afaan kee keessa kaaʼe sun afaan keetii yookaan afaan ijoollee keetiitii yookaan afaan ijoollee ijoollee isaaniitii harʼaa jalqabee bara baraan hin badu” jedha Waaqayyo.