1Namni qajeelaan ni duʼa;
2Namni qajeelummaadhaan jiraatu,
3“Isin garuu yaa ilmaan falfaltittii,
4Isin eenyutti qoostu?
5Isin mukkeen qilxuu gidduutti,
6Dhagaawwan cululuqoon sulula keessaa qooda kee ti;
7Ati siree kee tulluu guddaa fi ol dheeraa irra dhaabbatteerta;
8Ati cufaa keetii fi michichila cufaa keetii duubaan,
9Ati zayitii ejersaa fudhattee gara Moolek dhaqxe;
10Dheerina karaa keetiitiin dadhabdee turte;
11“Ati akka na sobduuf
12Ani qajeelummaa keetii fi hojii kee ifatti nan baasa;
13Yeroo ati gargaarsaaf iyyitutti,
14Akkanas ni jedhama:
15Inni guddaanii fi ol ol jedhe,
16Ani bara baraan namatti hin falmu;
17Ani dharraa isaa kan cubbuun guutame sanattan dheekkame;
18Ani karaa isaa argeera; garuu isa nan fayyisa;
19arraba boossuuwwan Israaʼel keessa jiraatanii irrattis galata nan uuma.
20Namoonni hamoon garuu akkuma galaana olii gadi daddarbatamu,
21“Namoota hamoof nagaan hin jiru” jedha Waaqni koo.