We Believe JesusFé, Esperança e Nova Vida

Nahimiyaa 7

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa · irlandês

← Nahimiyaa 6 Nahimiyaa Nahimiyaa 8 →

1Erga dallaan sun ijaaramee anis cufaawwan iddootti deebisee booddee karra eegdonni, faarfattoonnii fi Lewwonni ni ramadaman.

2Anis Yerusaalem irratti Anaanii obboleessa koo fi Hanaaniyaa ajajaa masaraa mootummaa sana nan muude; Hanaaniyaan kun nama hunda caalaa amanamaa fi kan Waaqa sodaatu tureetii.

3Ani akkanan isaaniinan jedhe; “Karrawwan Yerusaalem hamma aduun hoʼitutti banamuu hin qaban. Yeroo karra eegdonni hojii irra jiranittis cufaawwan cufamanii danqaraan keessa haa loofamu. Akkasumas jiraattota Yerusaalem keessaa eegdota tokko tokko iddoo isaaniitti, kaan immoo mana isaanii biratti ramadaa.”

4Magaalattiin guddoo fi balʼoo turte; garuu saba muraasatu ishee keessa jiraata ture. Manneenis amma iyyuu deebifamanii hin ijaaramne.

5Waaqni koos akka isaan maatii maatiidhaan galmeeffamaniif akka ani namoota bebeekamoo, qondaaltotaa fi uummata walitti qabuuf garaa koo keessa kaaʼe. Anis galmee hidda dhalootaa kan warra jalqabatti deebiʼanii nan argadhe. Wanni barreeffamee ani achitti argadhe kanaa dha:

6Isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan;

7isaanis Zarubaabel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raʼaamiyaa, Nahamaan, Mordekaayi, Bilshaan, Misiphereti, Baguwaayi, Nehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan.

8Sanyiin Phaarosh 2,172

9sanyiin Shefaaxiyaa 372

10sanyiin Aaraa 652

11sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,818

12sanyiin Eelaam 1,254

13sanyiin Zaatuu 845

14sanyiin Zabaay 760

15sanyiin Binuuyii 648

16sanyiin Beebay 628

17sanyiin Azgaad 2,322

18sanyiin Adooniiqaam 667

19sanyiin Baguwaay 2,067

20sanyiin Aadiin 655

21sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98

22sanyiin Haashum 328

23sanyiin Beesaay 324

24sanyiin Haariif 112

25sanyiin Gibeʼoon 95

26namoonni Beetlihemii fi namoonni Netoofaa 188

27namoonni Anaatoot 128

28namoonni Beet Azmaawet 42

29namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743

30namoonni Raamaa fi Gebaa 621

31namoonni Mikmaas 122

32namoonni Beetʼeelii fi Aayi 123

33namoonni Neboo kaan 52

34namoonni Eelaam kaan 1,254

35namoonni Haariim 320

36namoonni Yerikoo 345

37namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 721

38namoonni Senaaʼaa 3,930.

39Luboota:

40sanyiin Imeer 1,052

41sanyiin Phaashihuur 1,247

42sanyiin Haariim 1,017.

43Lewwota:

44Faarfattoota:

45Eegdota karra mana qulqullummaa:

46Tajaajiltoota mana qulqullummaa:

47sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon,

48sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa, sanyii Shalmaayi,

49sanyii Haanaan, sanyii Gideel, sanyii Gahar,

50sanyii Reʼaayaa, sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa,

51sanyii Gazaam, sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa,

52sanyii Beesaay, sanyii Meʼuuniim, sanyii Nefuushesiim,

53sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur,

54sanyii Bazliit, sanyii Mihiidaa, sanyii Harshaa,

55sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa, sanyii Teemahi,

56sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa.

57Sanyii Tajaajiltoota Solomoon:

58sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoon, sanyii Gideel,

59sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil,

60Tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392.

61Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adoonii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis:

62Sanyiin

63Luboota keessaa immoo:

64Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman.

65Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko kaʼutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje.

66Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan;

67kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 245 qabu ture.

68Isaan farda 736, gaangolii 245,

69gaala 435 fi harree 6,720 qaban ture.

70Hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko hojii sanaaf buusii buusan. Bulchaan biyyaa immoo warqee daariikii7:70 Daariikiin tokko giraamii 8. 1,000, waciitii 50 fi uffata lubootaa 530 mankuusaatti galii godhe.

71Abbootiin maatiiwwanii tokko tokko immoo hojii sanaaf warqee daariikii 20,000 fi meetii minnaanii7:71 Minnaaniin tokko giraamii 600. 2,200 mankuusatti galii godhan.

72Uummanni kaan immoo walumaa galatti warqee daariikii 20,000, meetii minnaanii 2,000 fi uffata lubootaa 67 kennan.

73Luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonnii fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokkoo fi Israaʼeloota kaan wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan.

← Nahimiyaa 6 Nahimiyaa Nahimiyaa 8 →